Isaayyaas66gaz_bib

Murtii fi Abdii

1Waaqayyo akkana jedha:“Samiin teessoo koo ti;laftis ejjeta miilla kootii ti.Manni isin naaf ijaartan meerre?Lafti boqonnaa kootii eessa?2Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti”jedha Waaqayyo.“Ani garuu nama gad of qabuu fikan garaa isaa keessatti gaabbeedubbii kootiin hollatuu nan ilaala.3Garuu namni korma qalu kam iyyuuakkuma nama nama ajjeesu tokkoo ti;namni xobbaallaa hoolaa qalu kam iyyuuakkuma nama morma saree cabsu tokkoo ti;namni aarsaa midhaanii dhiʼeessu kam iyyuuakkuma nama dhiiga booyyee dhiʼeessu tokkoo ti;namni ixaana yaadannoo aarsu kam iyyuusakkuma nama waaqa tolfamaa waaqeffatu tokkoo ti.Isaan karaa ofii isaanii filataniiru;lubbuun isaaniis xuraaʼummaa isaaniitti gammaddi.4Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila;waan isaan akka malee sodaatanis isaanitti nan fida.Yeroo ani waametti namni tokko iyyuu na jalaa hin owwaanne;yeroo ani dubbadhetti namni tokko iyyuuhin dhaggeeffanneetii.Isaan fuula koo duratti waan hamaa hojjetaniiwaan na hin gammachiifne illee filatan.”
5Warri dubbii isaatiin hollattandubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:“Obboleeyyan keessan warri sababii maqaa kootiif isin jibbaniiisin ariʼan sun akkana jedhan;‘Akka nu gammachuu keessan arginuuf,mee Waaqayyo haa ulfaatu!’Taʼus isaan ni qaanaʼu.6Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa;waca mana qulqullummaa keessaa dhagaʼaa!Wanni kun sagalee Waaqayyoo kan yeroo innigatii diinota isaa hundaaf malu isaaniif kennuu ti.
7“Isheen utuu hin ciniinsifatin,ni deessi;utuu miixuun daʼumsaa ishee hin qabatin,ilma deessi.8Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe?Waan takkumaa akkasii eenyutu arge?Biyyi tokko guyyuma tokkotti dhalachuu dandeessii?Yookaan sabni yeruma tokkotti biqiluu dandaʼaa?Xiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen,ijoollee ishee deesse.9Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼeedaʼuu nan dhowwaa?”jedha Waaqayyo.“Ani daʼumsaan gaʼeegadameessa nan cufaa?”jedha Waaqni kee.10“Isin warri ishee jaallattan hundi,Yerusaalem wajjin gammadaa; isheefis ililchaa;isin warri isheef boossan hundi,guddisaatii ishee wajjin gammadaa.11Isin harma ishee kan namajajjabeessu sana hootanii ni quuftuutii;ulfina ishee guddaa sana irraasgammachuudhaan ni dhugdu.”12Waaqayyo akkana jedhaatii:“Kunoo ani nagaa akkuma bishaan lagaa,badhaadhummaa sabootaas akkuma laga yaaʼuuisheef nan dhangalaasa;isin ni hootu; harka ishee irratti ni baatamtu;gudeeda ishee irra illee ni taphattu.13Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana,anis isinan urursa;isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu.”
14Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada;lafeen keessan akka margaa ni haaromfama;harki Waaqayyoo akka garboota isaa wajjin jirus ni beekama;dheekkamsi isaa garuu amajaajota isaa irratti ni mulʼifama.15Kunoo, Waaqayyo ibiddaan ni dhufa;gaariiwwan isaas akkuma bubbee hamaa ti;inni aarii isaa dhaʼichaan,ifannaa isaa immoo arraba ibiddaatiin gad buusa.16Waaqayyo ibiddaa fi goraadee isaatiinnamoota hunda irratti murtii raawwataatii;namoonni Waaqayyoon ajjeefaman ni baayʼatu.17“Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu” jedha Waaqayyo.18“Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.19“Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.20Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu” jedha Waaqayyo. “Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidan sanatti jara fidu.21Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha” jedha Waaqayyo.22“Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha Waaqayyo.23“Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada” jedha Waaqayyo.24“Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu.”