Goottaan Gosa Biyya Adda Addaa Mara Irratti Hin Mura
1Mootiin Waan Maraa, «Ol-gubbaan teessoo tiyya; lattille ijjata miila kiyyaa ti. Isin eessatti mana naaf ijaartan? Addeen foora kiyyaalle eessa?2Tana mara harka kiyyattuu huje; wonni martinuu tiyya. Ani gara worra gad ifi qabuu, gara worra mataa hin jabaanneetii fi gara worra jecha kiyya sodaatuu hin ilaala.3«Nami korma qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama, nama ijjeesuu ti; nami hoolee qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama morma sare'ee cassuu ti; nami kennansa midhaanii naaf dhikeessu, akka nama dhiiga booyye'ee naaf dhikeessuu ti; nami hixaana yaadanno'oo naaf aarsu, akka nama waaqa dharaa waaqonsuu ti. Worri akkasii karaa ifii filatee, battummaa ifiititti gammada.4Ani yennaa isaan waame, waan na jalaa hin owwaatiniif, yennaa isaanitti dubbadhe, waan hin dhage'iniif, isaan na duratti waan hantuu hujanee, waan na hin gammachiinne waan godhaneef, anille rakkinni akka isaanitti dhufu godhee, waan isaan bararaqanu isaanitti hin fida» jedha.5Isin worri jecha Mootii Waan Maraa sodaattanu, jecha Mootii Waan Maraa kana dhage'a'a. Mootiin Waan Maraa, «Isin obboleeyyan teessan ta isin jibbite, sababa maqaa kiyyaatiif ta isin gatte, isiniin ‹Mootiin Waan Maraa ulfaatuu tii, me! Gammada keessanille dhagginuu tii, me!› ta jette, hin qaanotti.6Hogaa qachaa keessaa, qoonqoo Galma Waaqaa keessalle dhage'a'a! Qoonqoon tunille qoonqoo Mootiin Waan Maraa diinota ifiitiif gatii kenniisatti jiruu ti.7«Dubartiin adoo hin ciniinsifatin hin deetti. Ciniinsuun adoo isii hin jalqabin ilma hin deetti.8Nami waan akkasii dhage'ee beekuu fi dhaggee beeku jiraa? Biyyi takka guyyaa tokkotti hin dadantii? Yookiin kolbaan yennaa diqqoo keessatti hin dhaggantii? Xiyoon akkuma ciniinsifatteen ijoollee ifii deetti.9Ani dubartii deyiisa geette akka hin deenne hin godhaa? Yennaa dubartiin deettu, ani ka gadaamessa cufuu?» jedha.10Isin worri Yerusaalem jaalattanu martiisii woliin gammada'aatii firinxiixa'a.Isin worri isi'iif boottane martiisii woliin guddoo gammada'a.11Harma isi'ii ka jajjabeessu haga quuttanutti hin hootan;karra isi'ii baca'aan hin gammaddan.12Mootiin Waan Maraa, «Ani nageya Yerusaalemiif akka lagaa hin dhangalaasa; karra gosa biyya adda addaalle akka madda bisaanii gara isi'ii hin lolaasa; isiin habbaarattee isin hin hoosifatti; gudeeda ifii irralle'etti isin hin tassiifatti.13Akkuma haati ijoollee ifii jajjabeessitu, anille isin hin jajjabeessa; isinille Yerusaalem keessatti hin jajjabaattan.14Isin tana yennaa dhaggitanu gadhaan keessan hin gammada; lafeen teessanille akka marraa hin bisilti; irreen tiyya tajaajiltoota tiyya woliin akka jirtu hin beekkanti; mufiin tiyya ammoo diinota kiyya irratti hin mudhatti» jedha.15Kunoo, Mootiin Waan Maraa ibiddaan dhufiisatti jira; garreettoti fardaan harkifamu ka isaalle akka hobonbolatti'ii ti; inni aarii ifii mufi'iin, xixxaa ifii bobe'a ibiddaatiin hin mudhisa.16Mootiin Waan Maraa ibiddaa fi shallaagaa ifiitiin nama maratti waan muruuf, nama hedduu hin fixa.17Mootiin Waan Maraa, «Worri addee oorru'uutitti waaqota ifii keessaa tokko waaqonfatiisaaf dhaqee, ka ifi woyyoonsee ifi qulqulleessu, foon booyye'eetii fi foon hantuutaa, waan battiille worri nyaatu adduma tokko hin badan.18Ani hujii isaaniitii fi yaada isaanii waan beekuuf, dhufee gosa biyya adda addaa ta afaan adda addaa dubbattu mara wolitti hin qaba; isaanille dhufanee ulfinna kiyya hin dhaggan.19Ani odduu isaaniititti baandiraa hin dhaaba; isaan keessaa worra jiru'uun hafe gara gosa biyya adda addaa: gara kolbaa Tarshiishii, gara kolbaa Fuxii, gara kolbaa Ludii ta guube'een loltuu, gara kolbaa Tubaaliitii fi Yaawaanii, gara kolbaa oddoola fago'oo ka worra gurra kiyya hin dhage'inii yookiin ulfinna kiyya hin dhagginii hin erga; isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna kiyya hin lassan.20Isaan obboleeyyan ifii ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessiisaaf, gosa biyya adda addaa mara keessaa fardo'oon, garreettaa fardo'oon harkifamuun, garreetta'aan, gaange'ee fi gaalaan gara gaara kiyya woyyicha Yerusaalem keessaa hin fidan; akkuma Israa'elooti kennansa midhaanii meya qulqullu'uun gara Galma kiyya Woyyichaa dhikeessanu, isaanille obboleeyyan ifii tana hin dhikeessan.21Anille isaan keessaa garii hayyootaa fi Lewwoota akka te'anuuf hin filadha.22«Akkuma ol-gubbooti haarettii fi latti haaretti ta ani dadu na dura haga baraa jiraatanu, sanyiin teessanii fi maqaan keessan fuula kiyya dura yennaa mara hin jiraata.23Baatii ji'a tokkoo irraa haga baatii ji'a kaanii, Sanbata tokko irra haga Sanbata kaanii, nami marti na waaqonfatiisaaf hin dhufa.24Achiin duuba gad bayanee reeffa kolbaa na finqiltee hin dhaggan. Corroxxi isaan nyaattu hin duutu; ibiddi isaan gubulle hin dhaamu; isaan nama mara duratti hin diqataman» jedhe.