Isaayaasii Raagichaa64gax_twf
1Akka gaaroti si sodaatanee raafamanu, ol-gubbaa tarsaattee adoo gad buutee, maaloo!2Akkuma nami haasume'een ibidda bobeessee, ibiddi sun bisaan danfisu, gosi biyya adda addaa si duratti akka hollattu, gad bu'iitii diinota keetitti maqaa keeti beessisi.3Waan nuuti hin yaadatin, waan sodaachisu yennaa goote, ati gad buutee gaaroti si duratti hollatane.4Worra isa addi'iin eegatuuf ka maadee huju, Waaqi akka keetii ka dhibiin tokkolle hin jiru; durii jalqabee dhage'amee, dhaggameelle hin beekkamu.5Ati worra hujii sirri'ii gammadaan hujuu fi worra karaa keeti qaabatu qarqaarta. Nuuti cubbuu ittuma waan hunyeef, ati nu irratti mufatte. Maarre nuuti attam fayyuu dandeenna ree?6Nuuti marti cubbu'uun xuroonneera; hujiin teenna balchittiille akka hoccuu xuri'ii teeteerti. Cubbuun teenna akka baala qooree qilleensi haxowee deemuu, nu mara haxoottee ideenteerti.7Ati fuula keeti nu irraa deebifattee, cubbuu teennatti dabarsitee waan nu kenniteef, nami maqaa keeti waammatu tokkolle hin jiru; nami gara keeti deebi'iisaaf wodhaanulle hin jiru.8Te'uu malee, ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; nuuti faara; ati faara irraa nu hujje. Nuuti marti hujii harka keetii ti.9Nuuti marti kolbaa teeti waan teeneef, ee Mootii Waan Maraa! Maganne'e, gara keenna ilaali; akka malee nutti hin aarin; haga bara baraa cubbuu teenna nutti hin laakkowin.10Qachooti woyyichi keeti akka goomole'ee duwwaa te'eera; Xiyooninuu duwwaa teeteerti; Yerusaalem duwwaa teeteerti.11Galmi woyyichi keenna ka ulfinna qabu, addeen abbootiin teenna ta durii itti si leellifatte, ibiddaan gubame; wonni nu gammachiisu marti diigame.12Ee Mootii Waan Maraa, tun marti yennaa nu irra dhaqqaddu, ati nu hin qarqaartuu ree? Ati cadhittee akka malee nu hin adaddaa ree?