Isaayyaas
62
/
gaz_bib
Maqaa Xiyoon Haaraa
1
Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa,
fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti,
ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu;
waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu.
2
Saboonni qajeelummaa kee,
mootonni hundinuus ulfina kee ni argu;
ati maqaa haaraa,
kan afaan Waaqayyoo siif baasuun ni waamamta.
3
Ati harka Waaqayyoo keessatti gonfoo ulfinaa,
harka Waaqa keetii keessattis marata mootii ni taata.
4
Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu,
yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu.
Ati garuu, “Ani isheetti nan gammada” jedhamta;
biyyi kees “kan heerumte” jedhamti;
Waaqayyo sitti gammadaatii,
biyyi kee ni heerumti.
5
Akkuma dargaggeessi durba fuudhu,
ilmaan kee si fuudhu;
akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu,
Waaqni kees sitti gammada.
6
Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irrattieegdota ramadeera;
isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan.
Isin warri Waaqayyoon waammattan,
ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa;
7
hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree
akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhuttiboqonnaa isaaf hin kenninaa.
8
Waaqayyo akkana jedhee
harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera;
“Ani lammata midhaan kee
nyaata godhee diinota keetiif hin kennu;
namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa
kan ati itti dadhabde hin dhugan;
9
garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu;
Waaqayyoonis ni galateeffatu;
warri ija wayinii guurratanis
oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu.”
10
Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa!
Uummataaf karaa qopheessaa.
Tolchaa; karaa guddaa tolchaa!
Dhagaawwan bubuqqisaa.
Sabootaafis faajjii ol qabaa.
11
Waaqayyo akkana jedhee
hamma moggaa lafaatti labseera;
“Intala Xiyooniin akkana jedhaa:
‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa!
Badhaasni isaa kunoo isa harka jira;
beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’ ”
12
Isaanis Saba Qulqulluu,
Furamtoota Waaqayyoo jedhamanii ni waamamu;
atis barbaadamtuu,
Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter