Cubbuu, Cubbuu Irraa Deebi'iisaa Fi Wodamiisa
1Kunoo, harki Mootii Waan Maraa fayyisiisaaf hin gabaabbanne; gurri isaalle dhage'iisa hin dadhanne.2Yakkaan teessan ammoo Waaqa keessan irraa gargar isin baatteerti; akka inni isiniif hin dhageenne, cubbuun teessan akka inni fuula ifii isin irraa deebifatu gooteerti.3Harki keessan dhiigaan, qubi keessanille yakka'aan battoweera. Afaan keessan dhara dubbata; arrabi keessanille waan hantuu dubbata.4Nami haqaan ideemuu fi nami haajaa ifii dhuga'aan dhikeeffatu tokkolle hin jiru. Moromaa bu'aa hin qannetti addatanee, dhara dubbatan. Miidhaa gadha'atti qabatanee, hammeenna fidan.5Isaan quuphaa buuti'iititti kabban; mana saaphuphu'uu ijaaran; nami quuphaa san nyaatu marti hin du'a; quuphaa cabu san keessaa ilmee buuti'iititti baya.6Manni saaphuphu'uu sun woyaa dhowiisaaf hin te'u; waan dhowatanu san uffatiisa hin dande'anu; hujiin isaanii hujii hammeennaa ti; harki isaanii hujii hammeennaatiin guutameera.7Miilli isaanii waan hantuu hujiisaaf ori'a; isaan dhiiga nama yakkaa hin qanneelle dhangalaasiisaaf ariifatan; yaadi isaanii yaada hama'a; gara deemanu maratti hujiin isaanii hujii diigiisaatii fi balleessiisaa ti.8Isaan karaa nageyaa hin beekanu; daandii isaanii keessalle haqi hin jiru; isaan karaa ifii daddassaneeran; nami karaa san irra deemulle nageya hin dhaggatu.Kolbaan Cubbuu Ifii Faaci'atte
9Tanaaf kolbaan, «Haqi nu irraa fagaate; balchummaalle nu bira hin geettu. Nuuti ifa barbaanna; ammoo marti dukkana; nuuti ifaa guddaa barbaanna; ammoo dukkana dimma keessa ideemiisatti jirra.10Akka nama balla'aa dalleya qaqqabataa, akka nama ila hin qannee karaa barbaadanna; akka waan dimimmisaa guyya'aan gufanna; odduu worra jajjabaatitti, akka worra du'ee teene.11Nuuti marti akka doobba'aa hin gururaana; akka saphaliisaa aadiisaan wiiccifannee boonna. Haqa barbaanna; ammoo hin dhaggannu; fayyinna barbaanna; ammoo nu irraa fago'o.12«Balleessaan teenna fuula keeti duratti baca'a; cubbuun teennalle nu irratti dhugaa baati. Balleessaa teenna beenneerra; yakkaa teennalle hubanneerra.13Nuuti Mootii Waan Maraa irraa finqillee isa sonneerra; Waaqa keenna hordofiisa irraa deebineerra; nama cunqursiisaa fi hunnaan nama irratti ka'iisa yaadanna; dhara gadhaa keenna keessatti yaadanne dubbanna.14Tanaaf haqi duubatti deebi'ee, balchummaan fagaatteerti; Dhugaan karaa irratti gufattee, addatamummaan qachaa seenuu hin dandeenne.15Dhugaan dhabante; nami waan hantuu irraa gorulle hin saamama» jetti. Mootiin Waan Maraa haqi akka hin jirre dhaggee, gadde.16Inni worra cunqurfame ka qarqaaru nami tokkolle akka hin jirre dhaggee baaseffate; maarre inni irree ifiitiin fayyinna fide; balchumuma isaatitti isa qarqaare.17Inni balchummaa akka qomoo sibiilaa uffata; fayyinna akka gullee sibiilaa keyata; inni haluu akka woya'aa, hinaaffaalle akka bullukko'oo uffate.18Inni akkuma hujii isaaniititti worra isa mormu irratti mufii ifii hin fida; diinota ifiitii fi kolbaa oddoola keessa leetulle'eef gatii hujii isaanii hin kenna.19Mootiin Waan Maraa akka bisaan abbaaya'aa ka bubbe'een darbamuu, waan dhufuuf, worri gara aduun seentu jiru maqaa Mootii Waan Maraa hin sodaatan; worri gara aduun baatu jirulle ulfinna isaa hin sodaatan.20Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Ka wodu, gara Xiyoonii, gara worra sanyii Yaaqoobii keessaa cubbuu ifii irraa deebi'anee hin dhufa» jedha.21Mootiin Waan Maraa, «Gondooroon ani isin woliin godhadhu: ayyaanni kiyya ka ani isiniif kennuu fi jechi kiyya ka ani afaan keessan keessa keyu, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee teessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee teessanii keessaalle'ee adhaa jalqabee haga bara baraa hin dhabamu» jedha.