Isaayyaas58gaz_bib

Sooma Waaqni itti Gammadu

1“Guddisii iyyi; hin qusatin.Akkuma malakataa sagalee kee ol fudhadhu.Saba kootti fincila isaanii,mana Yaaqoobitti immoo cubbuu isaanii labsi.2Isaan guyyuma guyyaan na barbaaduutii;isaan akkuma saba waan qajeelaa hojjeteeajajawwan Waaqa isaa hin dhiisin tokkoottiwaan karaa koo beekuu barbaadan fakkaatu.Isaan murtii qajeelaa na kadhatu;akka Waaqni isaanitti dhiʼaatus waan hawwan fakkaatu.3Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine,nu maaliif soomne?Yoo ati waan kana hin qalbeeffannenu maaliif gad of qabne?’ jedhu.“Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan;hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan.4Soomni keessan wal loluu fi wal qoccoluudhaan,aboottee hamminaatiin wal tumuudhaan raawwata.Soomni isin harʼa soomaa jirtan kun,akka sagaleen keessan gubbaatti dhagaʼamu hin godhu.5Soomni ani filadhe sooma akkanaatii?Namni tokko guyyuma tokko qofaaf gad of qabaa?Wanni kun akkuma dhallaadduu mataa gad qabachuu fiwayyaa gaddaatii fi daaraa irra ciisuu qofaafii?Wanni isin sooma jettaniinguyyaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama qabu kanaa?
6“Soomni ani itti gammadu,kan foncaa jalʼinaa furu,kan funyoo waanjoo hiiku,kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fiwaanjoo hunda caccabsu mitii?7Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fiakka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu,akka ati yeroo nama daare argituttidaara isa baaftuu fiakka nama foonii fi dhiiga kee taʼettidugda hin galle mitii?8Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa;fayyinni kees dafee ni dhufa;qajeelummaan kee fuula kee dura deema;ulfinni Waaqayyoo immoo duubaan si eega.9Yeroo sana ati ni waammatta; Waaqayyos deebii siif kenna;ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha.“Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fiquba namatti qabuu of irraa fageessite,10ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite,warra rakkatanis rakkinaa baafte,ifni kee dukkana keessa ni ibsa;halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa.11Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa;inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuufedhii kee siif guuta;lafee kees ni jabeessa.Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee,akka burqaa hin gognees ni taata.12Uummanni kee diigamaa durii deebisee ni ijaara;atis hundee dhaloota baayʼee ol kaasta;atis, Suphaa Dallaawwan Jijjiganii,Haaromsaa Daandiiwwan Jireenyaa jedhamtee waamamta.
13“Ati yoo miilla kee Sanbata cabsuu irraa eeggatteeguyyaa koo qulqulluu waan jaallattu gochuu dhiifte,ati yoo Sanbataan, ‘Gammachuu’guyyaa qulqullaaʼaa Waaqayyootiin immoo, ‘Kabajamaa’ jette,yoo daandii ofii keetii deemtuu fi yoo waan feete gochuuyookaan haasaa faayidaa hin qabne haasaʼuu baatteeSanbata ulfeessite,14yeroo sana Waaqayyotti ni gammadda;anis akka ati lafa ol dheeraa irra guluftu,dhaala abbaa kee Yaaqoob nyaattee akka quuftus sin taasisa.”Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.