Isaayyaas57gaz_bib
1Namni qajeelaan ni duʼa;kan waan kana yaadatti qabatu tokko iyyuu hin jiru;warri Waaqaaf of kennan ni fudhatamu;akka qajeeltonniwaan hamaa jalaa baraaramuuf fudhatamannamni tokko iyyuu hin hubatu.2Namni qajeelummaadhaan jiraatu,gara nagaa seena;isaan siree isaanii irra boqotu.3“Isin garuu yaa ilmaan falfaltittii,isin sanyiin ejjituutii fi sagaagaltuu as kottaa!4Isin eenyutti qoostu?Eenyutti afaan banattu?Eenyuttis arraba baaftu?Isin ilmaan finciltootaa,sanyii sobdootaa mitii?5Isin mukkeen qilxuu gidduutti,mukkeen dagaagan hunda jalatti hawwii hamaadhaan gubattan;sululoota keessatti,holqa kattaa keessattis ijoollee keessan qaltan.6Dhagaawwan cululuqoon sulula keessaa qooda kee ti;dhugumaan carraan kee isaanuma.Ati dhibaayyuu isaaniif dhangalaafte;aarsaa midhaanii isaaniif dhiʼeessiteerta.Ani wantoota kanneen calʼisee nan ilaalaa?7Ati siree kee tulluu guddaa fi ol dheeraa irra dhaabbatteerta;aarsaa kee dhiʼeeffachuufis achi ol baate.8Ati cufaa keetii fi michichila cufaa keetii duubaan,yaadannoo kee fannifatteerta.Ana dhiiftee siree kee saaqqatte;yaabdees balʼiftee banattee keessa seente;ati warra siree isaanii jaallattewajjin walii galte sana qullaa isaanii ilaalte.9Ati zayitii ejersaa fudhattee gara Moolek dhaqxe;shittoo kee illee ni baayʼifatte.Ergamoota kee biyya fagootti ergite;siiʼoolittis gad ergite!10Dheerina karaa keetiitiin dadhabdee turte;ati garuu, ‘Wanni kun faayidaa hin qabu’ hin jenne.Jabina haaromfame argatte;kanaafuu ati hin dadhabne.11“Ati akka na sobduufakka na hin yaadanneef,yookaan akka waan kana garaatti hin qabanneef,eenyuun sodaattee akkas naate?Ati sababii ani yeroo dheeraa calʼiseef,na sodaachuu dhiifte mitii?12Ani qajeelummaa keetii fi hojii kee ifatti nan baasa;isaan garuu si hin fayyadan.13Yeroo ati gargaarsaaf iyyitutti,mee waaqonni tolfamoon ati walitti qabatte sun si haa baasan!Bubbeen hunda isaanii fudhatee bada;hafuurri baafatan iyyuu afuufee isaan balleessa.Namni daʼannoo isaa ana godhatu garuubiyyattii ni dhaala;tulluu koo qulqulluu sana illee ni dhuunfata.”