Isaayyaas56gaz_bib

Fayyina Warra Kaaniif Kenname

1Waaqayyo akkana jedha:Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fiqajeelummaan koo dafee mulʼatuuf,“Murtii qajeelaa eegaa;waan qajeelaas hojjedhaa.2Namni waan kana hojjetu,kan waan kanattis cimu,kan Sanbata utuu hin xureessineeguu fi waan hamaa kam iyyuuhojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha.”
3Alagaan Waaqayyotti cichee tokko,“Waaqayyo dhugumaansaba isaa irraa addaan na baasa” hin jedhin.Xuʼaashiin kam iyyuus,“Ani mukuma gogaadha” ofiin hin jedhin.4Waaqayyo akkana jedhaatii:“Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan,kanneen waan na gammachiisufilatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif,5ani mana qulqullummaa kootii fidallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaailmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf;ani maqaa bara baraakan hin haqamne isaaniif nan kenna.6Alagoota isa tajaajiluuf,maqaa Waaqayyoo jaallachuuf,isa waaqeffachuufWaaqayyotti cichankanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fikakuu koos cimsanii eegan hunda,7ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida;mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna.Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi,iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata;manni koo saboota hundaaf,mana sagadaa jedhamee waamamaatii.”8Waaqayyo Gooftaan,inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha:“Ani warra duraan walitti qabaman biratti,warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba.”

Waaqni Dura Buʼoota Israaʼel himate

9Bineensonni dirree hundi,bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa!10Eegdonni Israaʼel jaamota,isaan hundi beekumsa hin qaban;hundi isaanii saroota duudaa dha;dutuus hin dandaʼan;isaan ciisanii abjootu;rafuus ni jaallatu.11Isaan saroota albaadheyyii dha;nyaataniis hin quufan.Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha;hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu;tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.12Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu;“Kottaa daadhii wayinii dhugnaa!Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa!Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa;yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa.”