Isaayaasii Raagichaa55gax_twf

Waaqi Worra Dheebote Waame

1Mootiin Waan Maraa, «Isin worri dheebottane marti,gara bisaanii kowa'a!Isin worri beesee hin qanne,kowa'aatii, bitadha'aa nyaadha'a!Kowa'aatii, beesee malee, gatii malee,daadhii woyni'iitii fi aanan bitadha'a!2Waan sagalee hin te'inittimaaf beesee teessan baattan?Waan isin hin quussinetti maaf eloottan?Na caqasa'a, waan dansaa nyaadha'a;sagalee dansa'atti gammada'a.3Gara kiyya kowa'a!Gurra keessan gara kiyya deebifadha'a;akka jiraattanuuf na dhage'a'a!Jaalala kiyya ka bara baraa ka Daawitiif waadaa galeen,gondooroo bara baraa isin woliin hin godha.4Kunoo, ani Daawitikolbaa heddu'uuf dhugaa-bayaa,sooressaa fi ajajaa kolbaa heddu'uu godheera.5Kunoo, ani Mootiin Maan MaraaWaaqi keeti Woyyichi Israa'eliiulfinna waan sii kenneef,ati gosa biyya adda addaa ta hin beenne hin waanta;gosi biyya adda addaa ta si hin beennelleariiti'iin gara keeti hin dhufan» jedha.
6Yennaa Mootiin Waan Maraa dhaggamu barbaadadha'a;adoo dhikoo jiruulle isa waammadha'a.7Nami hamaan karaa ifii,nami yakkaamessi yaada ifii lakkisee,gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa deebi'uu ti;inni isaaf hin marara;araarri isaalle baca'a.8Mootiin Waan Maraa,«Yaadi kiyya akka yaada keessanii,karaan kiyyalle akka karaa keessaniitii moti.9Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu,karaan kiyya karaa keessan irraa,yaadi kiyyalle yaada keessan irraa ol hin fagaata.
10«Bokkeennii fi dhakaan bokkeyaaol-gubbaa irraa gad roobee,lafa jiisiisaan,latti quunxitee, midhaan akka baachuka facaasuuf sanyii,ka nyaatuuf sagalee,akka kennitu godhu malee,gara ol-gubba'aa akkuma hin deebine,11jechi afaan kiyya keessaa bawu,waan ani fedhe hujee,waan ani itti ergellemuummessu malee,akkasumaan gara kiyya hin deebi'u.
12«Isin gammadaan Baabilon keessaa baatanee,nageyaan hin geegefantan.Gaarotii fi kooboti isin duratti gammadaa hin faarsan;muki badda'aa marti harka hin dhowan.13Addee muka qore'ee muki hindheensaa,addee qumi'uudu'uu muki dakkaraa hin lata.Tunille Mootii Waan Maraatiif qaabbii,beessisa haga bara baraa hin banne hin teeti» jedha.