Isaayaasii Raagichaa54gax_twf

Ulfinna Xiyoonii Ka Gara Duraa

1Mootiin Waan Maraa,«Ijoollee dubartii abbaamanaa qadduu caalaa,ijoolleen dubartii qofi lakkifanteewaan heddatteef,ati maseentittiinijjumaa deettee hin beenne,ta ijjumaa ciniinsifattee hin beennegammadaan faarfadhuu, ilillisi!2Addee dunkaanii teetii badhisi;gollaa dunkaanii teetiibadhiisii diriirsi;hin dhiphisin.Wodaroo teeti dheeressi;togaa keeti jabeessi.3Ati gara middaa fi bita'aawaan badhattuuf,sanyiin teeti gosa biyyaadda addaa hin qabatti;qachoota isaaniika one keessalle hin qubatti.
4«Ati waan hin qaanonneef,hin sodaatin;waan hin salphanneef,hin rifatin.Fokkoo yennaa dargaggummaateetii hin deeta;qaanii yennaahaadha hiyyeessummaa teetiillehaganaa achi hin qaabattu.5Ani ka si dadeakka dhirsaa si'iif hin te'a;maqaan kiyya Mootii Waan MaraaKa Waaqa Waan Mara Dade;ka si wodeana Woyyicha Israa'elii ti;ani Waaqa lafa duudi'ii ti.
6«Ati akka dubartiidargaggumma'aan heerumtee,abbaan manaa isii lakkisee,gadhaa ifii keessatti gadditee ti» jedha.Mootiin Waan Maraa keeti ammoo,gara ifii si waamee,7«Ani yennaa diqqo'oofsi lakkiseeraayyu;amma ammoo,marartii guddo'oonsi deebisa.8Ani guddoo waan sitti aareef,yennaa diqqo'ooffuula kiyyasi duraa dhoffadheeraayyu;ammoo, jaalala kiyyaka bara baraatiinsi hin marara» jedha ka si wodu.
9Ammalle Mootiin Waan Maraaka si mararu si'iin,«Tun naaf akka bara Nohiideebi'ee bisaaniinlafa akka hin balleessine kakadhee ti;maarre ani amma deebi'eeakka sitti hin aarre,deebi'eelle ijjumaaakka si hin xindheef kakadheera.10Gaaroti raafamanulle,kooboti addee ifii irraa ka'anullejaalalli bara baraaka ani si'iif qabu,ijjumaa hin raafantu;gondooroon nageyaa tiyyalle hin diigantu.11«Ee, ati qachaa Yerusaalemii,ka rakkatte,ka bubbee bokkeyaatiin raafante;ka hin jajjabaatin.Kunoo, ani dhakaa gatii guddo'ootiinsi hin ijaara;dhakaa ‹Safiiros› jedhamuunhundee teetille hin keya.12Ani qaccee xelleephoo teetiidooqa diima'aan,karra teetiille dooqa cululuquun,dalleya dhaka'aa keetilledhakaa gatii guddo'ootiin hin ijaara.13Ilmaan teeti martiana Mootii Waan Maraa irraaka baratte hin teeti;ijoolleen teetillenageya guddaa hin dhaggatti.14Ati balchumma'aanhin ijaaranta;cunqurfamiisi si irraa hin fagaata;wonni si sodaachisu hin jiraatu;bararaqi si irraa hin fagaata;si'ille'etti hin dhikaatu.15Eennulle yoo si miidhe,inni ka ani ergee moti;nami si miidhu martiharka sitti hin kennata.
16«Kunoo, nama cile'etti buufee bobeessu,sibiila tumee,meya woraanaa ka qopheessu,ka dade ana.Ka woy balleessu,akka inni woy balleessuuf,ka dade ana.17Mey woraanaaka si balleessiisaaf qophowe,si miidhuu hin dande'u;worra si himatu marahin injifatta.Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti;injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha.