Isaayaasii Raagichaa53gax_twf
1Kolbaan deebitee,«Waan nuuti dhageenne eentu dhugeeffate?Irreen Mootii Waan Maraa eennnutti mudhatte?2Inni Mootii Waan Maraa duratti akka kichuu quunxituu,akka hidda lafa godduu keessaa bawuu hin lata;inni dansummaa yookiin arnya nutti tolu hin qabu;akka isa jaalannuufille akka hin qabu.3Inni nama namooti jibbanee tuffatane;inni nama dhibee guddo'oo fi rakkoo guddoo qabu.Inni akka nama nami fuula irraa deebifatee ti;inni nama tuffatame;nuutille ulfinna isaaf hin kennine.4«Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee,dhibee teennalle ba'ate.Te'uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee,akka Waaqi balaa isatti buusee,akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.5Inni ammoo, sababa cubbuu teennaatiif woraaname;sababa yakkaa teennaatiifille butute.Nuuti adabamiisa isaatiin nageya dhagganne;madaa isaatille'een nuuti fayyine.6Nuuti marti akka hoole'ee karaa irraa bannee,tokko tokkoon keennaayyuukaraa karaa keennatti gorre;Mootiin Waan Maraa ammoo,yakkaa teenna mara isa irra keye.7«Inni cunqurfamee, farre;te'uu malee, waan tokkolle hin dubbanne;akka ilmayyoo hoole'ee ka qalmaaf oofamuutii fiakkuma hooleen worra rifeensa isi'ii haadu duratti cadhittu,inni cadhise malee, womaa hin dubbanne.8Cunqursiisaan isatti muranee,fuudhanee deemane.Inni lafa worra jiraata'aakeessaa balleeffamee,sababa yakkaa kolbaaifiitiifille akka adabamehidda dhaloota isaa keessaaka hubate eennu ree?9Inni hammeenna tokkolleadoo hin hujin,dharalle adoo hin dubbatin,worra hamoolee woliin du'ee,addee dureeyyiinawwaalantutti awwaalame» jette.10Mootiin Waan Maraa,«Te'uu malee, bututiisii fifarriis isaa fedha kiyya;ani jiruu isaa kennansasababa yakka'aatiifdhikaatu godhulle,barri isaa dheerateeinni sanyii ifii hin dhagga;fedhiin tiyyallekaraa isaatiin hin muummotti.11Inni farriisa ifiitiin duuba,ifa jiru'uu dhaggee hin gammada.Tajaajilaan kiyya balchichi,beekkumsa ifiitiinworra bacaa hin balchoonsa;yakkaa isaaniille hin ba'ata.12Inni cubbuu namoota heddu'uu ba'atee,marroo yakkaa isaaniitiifilleisaaniif kadhate;inni lubbuu ifii du'aafdabarsee kennee,hamaaleyyii woliinwaan laakkowameef,ani qooda isaa worra gugurdaa woliinisaaf hin kenna;inni worra jajjabaa woliinboojuu hin qoodama» jedha.