Isaayyaas52gaz_bib
1Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi;jabina kee uffadhu!Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii,wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu.Namoonni dhagna hin qabaminii fixuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.2Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu;kaʼiitii teessoo irra taaʼi.Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii,foncaa morma keetii of irraa hiiki.3Waaqayyo akkana jedhaatii:“Isin gatii malee gurguramtanii turtan;amma immoo maallaqa malee furamtan.”4Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii:“Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe;ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.5“Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Waaqayyo.“Sabni koo sababii malee fudhatameera;warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Waaqayyo.“Guyyaa guutuus,maqaan koo ittuma fufee arrabsama.6Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka;kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbateakka ana taʼe ni beeku.Eeyyee, inni anuma.”7Miilli warra wangeela fidanii,kan nagaa labsanii,kan oduu gammachiisaa fidanii,kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,“Waaqni kee moʼeera!” jedhaniitulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!8Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru;isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu.Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti,isaan ijuma isaaniitiin ni argu.9Yaa diigamtoota Yerusaalemtokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa;Waaqayyo uummata isaa jajjabeesseeYerusaaleminis fureeraa.10Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti,irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa;handaarri lafaa hundisfayyisuu Waaqa keenyaa ni argu.11Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa;addaan baʼaa; achii fagaadhaa!Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa!Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.12Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan;yookaan baqattanii hin deemtan;Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii;Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega.