Isaayyaas50gaz_bib

Cubbuu Israaʼelii fi Ajajamuu Tajaajiltichaa

1Waaqayyo akkana jedha:“Waraqaan ragaa, kan ani ittiin haadha keessan hiikeeof irraa ittiin ishee geggeesse meerre?Yookaan namni liqii narraa qabukan ani itti isin gurgure eenyu?Isin sababii cubbuu keessaniif gurguramtaniirtu;sababii yakka keessaniitiifis haati keessan ariʼamteerti.2Yeroo ani dhufetti namni maaliif achi hin jiraatin?Yeroo ani waametti namni owwaatu maaliif achii dhabame?Harki koo akka furuu hin dandeenyeef gabaabateeraa?Ani isin baraaruuf humna dhabeeraa?Ani dheekkamsa qofaan galaana nan gogsa;lageenis gammoojjiitti nan geeddara;qurxummiiwwan isaanii bishaan dhabanii ajaaʼu;dheebuudhaanis ni dhumu.3Ani samiitti dukkana nan uffisa;wayyaa gaddaas itti nan haguuga.”
4Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf,Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera.Inni ganama ganama na dammaqsa;akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufisgurra koo dammaqsa.5Waaqayyo Gooftaan gurra koo naa baneera;anis fincilaa hin turre;ani dugda duubatti hin deebine.6Ani warra na rukutanitti dugda koo,warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne;yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti,ani fuula koo isaan hin dhokfanne.7Sababii Waaqayyo Gooftaan na gargaaruuf,ani hin salphifamu.Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera;ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.8Inni dhugaa naaf baasu dhiʼoo jira.Yoos eenyutu na himata ree?Mee walitti gad haa baanu!Himataan koo eenyu?Inni mee natti gad haa baʼu!9Waaqayyo Gooftaatu na gargaara.Eenyutu natti mura?Isaan hundi akkuma wayyaa moofaʼu;dholdholeenis isaan nyaatti.
10Isin keessaa kan Waaqayyoon sodaateedubbii garbicha isaatiif ajajamu eenyu?Namni dukkana keessa deddeebiʼu,kan ifa hin qabne,maqaa Waaqayyoo amanateeWaaqa isaatti haa irkatu.11Amma garuu isin warri ibidda bobeessitaniiguca bobaʼaa deemu qabattan hundinuuifa ibiddaa keessaniitii fi ifa gucabobeessitanii keessa deemaa.Wanni isin harka koo irraa argattan kanaa dha;isin dhiphinaan ni ciciiftu.