Isaayyaas49gaz_bib

Tajaajilaa Waaqayyoo

1Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa;yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa:Utuu ani hin dhalatin dura Waaqayyo na waame;utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase.2Inni afaan koo akka goraadee qaramee godhe;gaaddidduu harka isaatiin na dhokse;xiyya cululuqfame na godhee,manʼee xiyya isaa keessa na kaaʼate.3Innis, “Yaa Israaʼel, ati garbicha kookan ani ulfina koo isa irratti mulʼisuu dha” anaan jedhe.4Ani garuu, “Akkasumaanan itti dadhabe;humna koos waanuma faayidaa hin qabnettan fixe.Taʼus dhugaan koo harka Waaqayyoo,gatiin koos Waaqa bira jira” nan jedhe.
5Waan ani fuula Waaqayyoo duratti ulfina argadheeWaaqni koo jabina naa taʼeef,Waaqayyo inni akka ani Yaaqoobin deebisee gara isaatti fiduuf,Israaʼelin isa biratti walitti qabuuf,akka ani garbicha isaa taʼuufgadameessa keessatti na tolche sun akkana jedha;6Innis, “Ati gosoota Yaaqoob deebiftee dhaabuuf,Israaʼeloota ani eege sanas deebiftee fiduufgarbicha koo taʼuun kee siif baayʼee salphaa dha.Akka fayyinni koo qarqara lafaa gaʼuufani Namoota Ormaatiif ibsaa sin taasisa” jedha.
7Waaqayyo Furii fi Qulqullichi Israaʼel,isa namaan tuffatamee sabnis jibbe,tajaajilaa bulchitootaa sanaan akkana jedha:“Sababii Waaqayyo amanamaaQulqullicha Israaʼel isa si filate sanaatiifjedhanii mootonni si arganii ol kaʼu;ilmaan moototaas arganii sagadu.”

Deebifamtee Ijaaramuu Israaʼel

8Waaqayyo akkana jedha:“Ani yeroo fudhatama qabutti siifin deebisa;gaafa fayyinaattis sin gargaara;akka ati dhaala abbaa hin qabnedeebiftee dhaalchiftuuf,ani sin eega;akka ati sabaaf kakuu taatus sin godha;9akka ati warra boojiʼamaniin, ‘Kottaa baʼaa’warra dukkana keessa jiraataniin immoo, ‘Bilisa baʼaa’ jettu sin godha.“Isaan karaa irratti waa nyaatu;gaara qulqullaaʼaa irrattis iddoo qubataa argatu.10Isaan hin beelaʼan; hin dheebotanis;hoʼi gammoojjii yookaan aduun isaan hin gubu.Inni isaaniif garaa laafu isaan geggeessa;qarqara burqaa bishaanii irra isaan qajeelcha.11Tulluuwwan koo hunda karaatti nan geeddara;daandiiwwan koo gurguddaanis wal qixxeeffamu.12Kunoo, isaan biyya fagoodhaa ni dhufu;gariin kaabaa, gariin dhiʼaa,kaan immoo biyya Aswaaniitii ni dhufu.”
13Yaa samiiwwan, ililchaa;yaa lafa gammadi;yaa tulluuwwan, guddisaa faarfadhaa!Waaqayyo saba isaa ni jajjabeessa;warra rakkataniifis garaa ni laafaatii.
14Xiyoon garuu, “Waaqayyo na gateera;Gooftaanis na irraanfateera” jette.
15“Haati daaʼima ishee kan hoosiftuirraanfachuu ni dandeessii?Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu?Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!16Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera;dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.17Ilmaan kee ariitiidhaan ni dachaʼu;warri si diiganis sirraa baqatu.18Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali;ilmaan kee hundi walitti qabamanii gara kee ni dhufu.Ani jiraataadhaatii” jedha Waaqayyo.“Ati isaan kanneen hunda akka faayaatti ni uffatta;akka misirroottis ittiin miidhagfamta.
19“Ati diigamtee onteebiyyi kee barbadaaʼu iyyuuamma saba keetti lafti ni dhiphata;warri si liqimsan sirraa ni fagaatu.20Ijoolleen ati yeroo gadda keetiitti deesse,utuma gurri kee dhagaʼuu,‘Lafti kun nutti dhiphateera;lafa irra jiraannu nuuf kenni’ siin jedhu.21Ergasii ati garaa keetti akkana jetta;‘Eenyutu jara kanneen naa daʼe?Ani gaddituu fi maseentuun ture;ani baqattuu fi jibbamtuun ture.Isaan kanneen eenyutu guddise?Ani kophaatti hafeen ture;yoos, isaan kunneen eessaa dhufan ree?’ ”22Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:“Kunoo ani namoota ormaa harkaan nan waama;faajjii koos uummataaf ol nan qaba;isaan ilmaan kee hammatanii fidu;intallan kee immoo gatiittii isaaniitti baatu.23Mootonni abbootii kee kanneen si guddisan,niitonni isaanii immoo haadhota kee kanneen harma si hoosisan ni taʼu.Isaan adda isaaniitiin lafatti gombifamanii siif sagadu;awwaara miilla keetii illee ni arraabu.Ergasii ati akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta;warri na abdatan hin salphatan.”
24Gootota harkaa boojuu fudhachuun,gara jabeeyyii harkaas boojuu baasuun ni dandaʼamaa?25Waaqayyo garuu akkana jedha:“Eeyyee, gootota harkaa boojiʼamtoonni ni baafamu;gara jabeeyyii harkaas boojuun ni fudhatama;warra siin falmaniin nan falma;ijoollee kees nan baraara.26Ani akka warri si hacuucan foon ofii isaanii nyaatan nan godha;isaan akkuma nama daadhii wayiniitiin machaaʼuudhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu.Ergasii sanyiin namaa hundi,akka ani Waaqayyo, Fayyisaan kee,Furiin kee, Jabaa Yaaqoob taʼe ni beeka.”