1Isin worri oddoola keessaa na caqasa'a!Isin gosi biyya adda addaa ka fagoo jirtanu tana dhage'a'a!Gadhaa haadha tiyyaa keessa adoo jiruuMootiin Waan Maraa na waame;adoo ani hin dhalatin maqaa na baase.2Inni dubbii afaan kiyyaaakka shallaagaa qaramee godhe;gaaddisa harka ifii jalatti na golle;daaya qarame na godhe;gonofaa daaya ifii keessalle'etti na dhosse.3Inni anaan, «Ee Israa'el, ati tajaajila kiyya;ani si'iin ulfinna kiyya hin mudhisa» jedhe.4Ani ammoo, «Toluma elowe;hunna tiyyalle waan bu'aa hin qanne irratti fixadhe;te'uu malee bu'aa hujii tiyyaaMootii Waan Maraatittinaaf murteessa;gatiin hujii tiyyaaharka Waaqaa keessa jirti» jedhe.5Ani tajaajilaa isaa akka te'uuf,Yaaqoob gara isaa akka fiduuf,Israa'eloota akka isaaf wolitti qabuuf,ka gadhaa haadha tiyyaa keessatti na dade,fuula ifii duratti ulfinna naaf kennee,ka jabeenna naaf te'e,Mootiin Waan Maraa ammalle,6anaan, «Ati gosa Yaaqoobii ade'etti deebisiisaaf,kolbaa Israa'elii worra jiru'uun hafe deebittee fidiisaaf,tajaajilaa kiyya te'iis keeti kaso'o.Fayyisiisa kiyya haga qaccee biyya lafaaakka dhaqqassiittuuf,worra Yihudoota hin te'iniifilleifa si hin godha» jedhe.7Mootiin Waan Maraa, Woyyichi Israa'el wodu,tajaajilaa bulchitootaa,ka nama gosa biyya adda addaatiinguddoo tuffatamee jibbameen,«Mootiin Waan Maraa addatamaan,Woyyichi Israa'elii waan si fileef,moototi si dhaggitee, ol si'iif hin kaati;qondaaltotille si dhaggitee si'iif hin sagaddi» jedhe.
Deebitee Ijaaramiisa Yerusaalemii
8Mootiin Waan Maraa, «Yennaa na biratti fudhatama qadduttiani deebii si'iif hin kenna;guyyaa fayyinna keetii ani si hin qarqaara;ani si eegee, kolba'aaf gondooroo akka teetu hin godha;kolbaa adde'etti hin deebitta;lafa isaanii ta onte isaaniif hin deebitta.9Worra hidhameen, ‹Baya'a!›Worra dukkana keessa jiruun,‹Ifatti baya'a!› akka jettu si hin godha;isaan irga kara'aatii hin nyaatan;kooba godduu mara irralle'ee sagalee hin dhaggatan.10Ani Mootiin Waan Maraa waan isaan mararfadhuuf,gara madda bisaaniille waan isaan sooressuuf,isaan hin beelotanu; hin dheebotanu;o'i goomole'ee yookiin adu'uu isaan hin miidhu.11«Ani gaarota kiyya mara karaa hin godha;karaan guddaan kiyyalle isaaniif wol hin qixxawa.12Kunoo, isaan biyya fago'oo irraaworri gariin biyya kaabaa irraaworri gariin karaa aduun seentu irraaworri kuun biyya Siiniimii irraa hin dhufan» jedha.13Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jajjabeessuuf,worra rakkatelle waan mararuuf,ee ol-gubba'a, faarfadha'a!Ee lafa, gammada'a!Ee gaarota, ilillisa'a!14Xiyoon ammoo, «Mootiin Waan Maraa na gateera;Goottaan na dedheera» jette.15Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittudedhuu dandeettii?Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree?Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.16Ee Xiyoon, kunoo ani ganaa harka kiyyaa irrattisi barreeffadheera;dalleenni keeti ka dhaka'aan ijaarameyennaa mara fuula kiyya dura jira.17«Ijoolleen teeti ariiti'iin gara keeti hin deebiti;worri diigee si balleesse si keessaa hin baqatan.18Ol jedhiitii adaala keeti ilaali!Ilmaan teeti marti wolitti qabantee gara keeti hin dhutti.Dhugaa ana jiraata'aa,‹Ati isaan mara akka seesaa hin uffata;akka waajibaalle ijoollee teetiin hin miidhadda› jedhee kakadha.19«Ati diigantee ontulle,latti teeti duwwaa teetulle,amma worra si keessa jirutti dhiphattulle,worri si balleesse si irraa hin fagaata.20Ijoolleen teeti ta ati gadditeertuun dhalatte,si'iin, ‹Latti tun nutti diqqaatteerti;lafa leenu badhoo nu'uuf kenni› jettuun hin dhageetta.21Achiin duuba ati gadhaa keeti keessatti,‹Ani ijoollee tiyya dhabeera; eega san hin deenne;isaan kana eentu naaf deye?Ani booji'amee, jibbatameeraayyu;isaan kana eentu naaf guddise ree?Ani qofi hafeeraayyu;isaan kun eessaa dhufane ree› hin jetta» jedhe.22Goottaan Mootiin Waan Maraa,«Gosa biyya adda addaa harkaan hin haatadha;baandiraa kiyyalle kolba'aaf ol hin kaasa.Isaan ilmaan teeti habbaaranee,ijoollee durraa teetille gurmuu ifii irratti kaasanee hin fidan.23Moototi abbootii guddisoo ijoollee teetii hin teeti;giittoti isaanii haadhotii guddosoo ijoollee teetii hin teeti.Isaan fuula ifiitiin lafatti gad hin gombifaman;miila keeti irralle'ee bukuu hin arraaban.Achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta;worri na addatu hin qaanowu» jedhe.24Nama jabaa irraa waan inni saame,yookiin nama gadhaa jabaatu irraanama inni booji'e harkaa fuudhuu hin dande'anii?25Mootiin Waan Maraa ammoo,«Ee, Wonni nami jabaan saame isa irraa hin fudhatanti;nama gadhaa jabaatu irraa nami inni booji'eisa harkaa hin fuudhama;ani worra si mormu hin morma;ijoollee teetille hin woda.26Worri si cunqursu foon ifii akka nyaatu hin godha;isaan dhiiga ifii akka daadhii woyni'ii unanee hin machowan.Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa hunnaamessi Yaaqoobiika si fayyisuu fi ka si wodu akka te'esanyiin namootaa marti hin beetti» jedhe.