Isaayaasii Raagichaa48gax_twf

Israa'elii Mataa Jabaattu

1Ee ijoollee Yaaqoobii,ta, «Israa'el» jedhantanu,worri sanyii Yihuda'aa keessaa dhalattane,isin worri maqaa Mootii Waan Maraatiin kakattanu,dhuga'aa fi balchumma'aan adoo hin te'in,Waaqa Israa'elii ka waammattanu, tana dhage'a'a.2Isin, «Nuuti worra qachaa woyyicha keessa le'u;worra Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliiKa Waan Mara Dadetti addatu» ifiin jettanu.3Mootiin Waan Maraa,«Waan dur bara dheera'aan dura te'e ani dursee himeera;afaan kiyyalle'een dubbadhee,akka wonni sun beekkantu godheera;ani dedhuma isin irratti hujee, wonni sun muummotte.4Isin worra mataa-jabaatu akka teetane ani beekeera;morgey morma keessanii akka sibiilaa,addi fuula keessaniille akka sageettu'uu ti.5Tanaaf, isin, ‹Waaqota dharaa keennatti tana huje;fakkii teenna ta muka irraa bocantee fiwaaqa keenna ka sibiilaatitti tana ajaje› akka hin jinneef,ani dursee isinitti himeera.6Isin tana dhageettaneertan; isaan mara ilaala'a;wonni ani jedhe dhugaa akka teete,isin dhugaa hin baatanuu ree?Ammaan jalqabee waan haareya,waan dhossa'aa ka isin hin beenne ani isinitti hin hima.7Wonni kun amma dadamane malee,bara dheera'aan duraa moti;tanaan qara marroo waan kanaa dhageettanee hin beettanu.Maarre isin, ‹Nuuti marroo waan kanaaduruu beenna› jedhuu hin dandeettanu.8Isin dur tana hin dhageenne; hin beennelle'e;duruuyyuu gurri keessan hin bananne.Ani akka isin sobaaleyyii teetane,haga dhalataneen jalqaddaneefinqiltoota akka teetane beekeera.
9«Ani maqaa kiyyaaf jedhee,dafee hin aaru;kolbaan akka na leellifattuuf jedhee,isin balleessiisa irraa hin ossadha.10Kunoo, akka meetii ibiddaan qulqulleessanu adoo hin te'in,rakkoo akka ibiddaatiin haga isin ilaaleera.11Ani ifumaaf, ifii tiyyaaf jedhee, tana hin godha;ani attam salphinnaaf ifi dabarsee kenna ree?Ulfinna kiyya eennulle'eef hin kennu.

Israa'el Bilisa Hin Baati

12Ee Yaaqoob, Israa'elii ani waammadhe,na caqasa'a!Ani Waaqa;ka duraatii fi ka duubaalle ana.13Harka kiyyaan hundee lafaa hundeesse;harki kiyya middichi ol-gubbaa diriirse;yennaa ani isaan waamuisaan marti adduma tokko ol ka'an.
14«Isin marti wolitti qabama'aatii,na caqasa'a!Ka ani Mootiin Waan Maraa filadhe,karoora ani Baabilon irratti baaseakka muummessu'uuf jiru,akki ani irree tiyya Baabilon irrattiakka ani ol fudhatu'uu jiru,waaqota dharaa keessaadursee ka hime eennu?15Anattuu dubbate; anattuu isa waame;ani isa hin fida; hujiin isaalle hin teetiif.
16«Gara kiyya kowa'aatii, tana caqasa'a!Ani jalqabaanuu jalqabee dhossa'aan hin dubbanne;wonni ani dubbadheyennaa muummottulle ani achuma jiraayyu» jedha.Ammalle Goottaan Mootiin Waan MaraaAyyaana ifiitiin na ergeera.
17Mootiin Waan Maraa ka isin wodu,Woyyichi Israa'elii,«Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan,ka waan dansaa akka gootanu isin barsiisu,karaa isin deentanu ka isin sooressu.
18«Isin ajaja kiyya adoo eegattanee jiraattane,silaa nageenni keessan akka laga guutee yaa'uu,balchummaan teessanilleakka danbalii abbaaya'aa hin teetiiyyu.19Sanyiin teessan akka maansaa,ijoolleen teessanille akka buku'uu hin bacattiiyyu.Maqaan isaanii fuula kiyya duraa ijjumaa hin haxowamu,yookiin hin badu.
20«Biyya Baabilonii keessaa baya'a;worra Baabilonii jalaa baqadha'a!‹Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Yaaqoob wodeera› jedha'aatii hima'a!Ilillisaa odeessaa, haga qaccee lafaa lassa'a.21Yennaa ani goomolee keessa isaan sooresse,isaan hin dheebonne;ani rassaa keessaa bisaan isaaniif baase;rassaa dhoosee bisaan achi keessaa dhuqatee baye.
22«Worra hamaaleyyi'iif nageenni hin jiru» jedha.