Isaayyaas47gaz_bib

Kufaatii Baabilon

1“Yaa intala Baabilon Durba Qulqullittii,gad buʼi; awwaara irra taaʼi;yaa Intala Baabilonotaa,teessoo malee lafa taaʼi!Ati siʼachi bareedduuyookaan kichuu jedhamtee hin waamamtu.2Dhagaa daakuu fudhadhuutii midhaan daaki;haguuggii kee of irraa fuudhi.Wandaboo kee soqoladhu;gudeeda kee mulʼisi; laga ceʼi.3Qullaan kee ifatti ni baʼa;qaaniin kees hin dhokatu.Ani haaloo nan baʼa;ani nama tokko iyyuu hin dhiisu.”
4Furiin keenya maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha;inni Qulqullicha Israaʼel.
5“Yaa Intala Baabilonotaa,calʼisii taaʼiitii dukkana seeni;ati siʼachimootittii mootummootaa jedhamtee hin waamamtu.6Ani saba kootti dheekkameera;handhuuraa koos xureesseera;ani dabarsee harka keetti isaan kenneera;atis garaa hin laafneef.Warra dullooman irra iyyuuwaanjoo ulfaataa keesse.7Ati, ‘Ani bara baraan itti fufeemootittii bara baraa nan taʼa!’ jette.Ati garuu wantoota kana hin hubanneyookaan dhumni isaanii maal akka taʼu hin yaadanne.
8“Ammas yaa ishee qananiituu,kan nagaan jiraatteegaraa kee keessattis,‘Anuma; ana malee tokko iyyuu hin jiru;ani siʼachi haadha hiyyeessaayookaan nama dhalee dhabe hin taʼu’ ofiin jettu dhagaʼi.9Wantoonni kunneen lamaan,dhalanii dhabuu fi haadha hiyyeessaa taʼuunakkuma tasaa guyyuma tokkotti sitti dhufu.Isaan baayʼina falfala keetiitii fitolcha kee cimaa sanaa hunda irraan iyyuuhumna isaanii guutuudhaan sitti dhufu.10Ati hammina kee amanattee,‘Namni tokko iyyuu na hin argu’ jette.Yeroo ati garaa kee keessatti, ‘Ana;ana malee namni biraa hin jiru’ jettutti,ogummaa fi beekumsi kee si dogoggorsu.11Wanni hamaan sitti dhufa;ati immoo eessaa akka inni dhufu hin beektu.Balaan ati of irraa ittisuu hin dandeenye tokko sitti dhufa;badiisni ati duraan dursitee hin beekin akkuma tasaa sitti dhufa.
12“Yoos ati tolcha keetii fifalfala kee baayʼee ijoollummaa keetii jalqabdeeitti dadhabde sana jabeessii eegi.Yoo akkas taʼe ati ni milkoofta;yoo akkas taʼe nama ni sodaachifta taʼa.13Gorsi ati argatte hundi dadhabbii qofa sitti fide!Urjii lakkooftonni keewarri jiʼa jiʼaan urjii ilaalanii raajan sun,mee waan sitti dhufu duraa si haa baasan kaa.14Dhugumaan isaan akkuma cidii ti;ibiddi isaan guba.Isaan mataa isaanii iyyuu,humna arraba ibiddaa jalaa baasuu hin dandaʼan.Barbadaan ibiddaa kan namni hoʼifatutokko iyyuu hin jiru;ibiddi bira taaʼanis hin argamu.15Wanni warri ati wajjin dadhabdeeijoollummaa keetii jalqabdee wajjin daldalte sunsiif gochuu dandaʼan kanuma.Tokkoon tokkoon isaanii dogoggora isaanii itti fufan;kan si baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.