ISA47gax_twf

Jinnana Baabilonii

1«Ee durrittii Baabilonii,gad bu'iitii bukuu irra tee'i.Ee durrittii Baabilonii,barcumaa mootummaa teetii irraa ka'iitii, lafa irra tee'i;ati haganaa achi,‹Bosoqqee yookiin shaggittii› hin jedhantu.2Shaashii teeti ta hagooggatte ifi irraa fuudhiitii,daakuu fudhadhuutii midhaan daaki;woyaa teeti ifi irraa shooqadhuusarbaa teeti mudhisaa,laga gamatti bu'i.3Qullaa jirtuun kolbaan si hin dhaggiti;nafi hilaa keeti hin mudhata;Ani haluu hin baya; nama tokkolle hin hamburu» jedhe.
4Ka nu wodu Woyyicha Israa'elii,maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
5Mootiin Waan Maraa Baabiloniin,«Ee intala Baabilonii,dhaqiitii, cadhisii dukkana keessa tee'i.Haganaa achi, ‹Giittii mootummoota› jedhantee hin waammantu.6Ani kolbaa tiyyatti aaree,akka batti'iititti isaan laakkoweeharka keetitti dabarsee isaan kenne.Ati isaaniif hin mararre;ati worra dulloomettuu,waanjoo ulfaattuu itti feete.7Ati, ‹Ani haga bara baraa giittii hin te'a› jette malee,waan tolchite hin qaabanne;muummee waan saniille hin beenne.
8«Ee ati ta qananummaa jaalattu!Ta bidhaa malee teettu,gadhaa keeti keessatti,‹Ana malee nami dhibiin hin jiru;ani ijjumaa haadha hiyyeessaa hin te'u;yookiin ijoolleen tiyyalle na duraa hin duutu› ta jettu dhage'i!9Ati xano'oo fi falfala hedduu qabaatulle,duuti ijoolle'eetii fi haadha hiyyeessaa te'iis,wonni lamaan kun dedhuma guyyaa tokkotti sitti hin dhufan.10Ati hammeenna keetitti addattee,‹Nami na dhaggu hin jiru› jette;Qarumma'aa fi beekkumsi keeti si dokonkorsee,gadhaa keeti keessatti,‹Ani anuma; ana malee nami dhibiin hin jiru› jette.11Wonni hantuun ati xano'oon ifi irraa fageessiisa hin dandeennesitti hin dhutti;balaan ati ifi irraa dhooggatiisa hin dandeennesitti hin dhufa;badiin ati hin beennelle dedhuma sitti hin dhutti.
12«Xano'oo fi falfala keetika ijoollummaa teetiin jalqadde, itti fufi.Akka wotoo si'iif hin milkoottiyookiin diinota keeti sodaachisiisaafsi hin qarqaaran fa'a.13Gorsa bacaa dhage'iis si dadhassiiseera;worri gubbaa qorqoru,ka ji'uma ji'aan urjii ilaaleewaan gara duraa te'u himu,gara duraa dhufeewaan sitti dhufu jalaa si baasuu ti.14Kunoo, isaan akka huuraa ti;ibiddi isaan hin nyaata.Isaan hunna bobe'a ibiddaa san jalaaifi baasuu hin dande'anu;kashilli nami o'ifatu hin hafu yookiinibiddi bira tee'anee o'ifatanulle hin jiraatu.15Daldaltooti teeti ta ati ijoollummaa teeti irraa jalqaddee,woliin elootte akkasuma.Tokko tokkoon isaanii dokonkora ifiitiin deeman;nami si baasu tokkolle hin jiru» jedha.