Isaayyaas46gaz_bib

Waaqota Baabilon

1Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa;waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru;fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha;horii dadhabeef baʼaa dha.2Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu;baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan;isaan iyyuu ni boojiʼamu.
3“Yaa mana Yaaqoob,isin hambaan mana Israaʼel hundi,warri ani gaafa isin gadameessa keessattiuumamtanii jalqabee ol isin qabeegaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.4Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti,ani isa; isuma isin jiraachisuu dha.Ani isin uumeera; isinan baadhas;ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
5“Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu?Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu?6Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqaniimadaalliidhaan meetii madaalu;Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru;isaanis gad jedhanii sagaduuf.7Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu;iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata.Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu.Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu;inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.
8“Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa;qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa.9Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa;ani Waaqa; kan biraa hin jiru;ani Waaqa; kan akka koo hin jiru.10Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa;waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera.Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata;waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.11Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu,lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama.Ani waanan dubbadhe nan guuta;waanan karoorfadhes nan raawwadha.12Yaa mata jabeeyyii,isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa.13Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa;innis fagoo hin jiru;fayyisuun koos hin barfatu.Ani Xiyooniif fayyina,Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.