Isaayaasii Raagichaa45gax_twf

Mootiin Waan Maraa Qiiros Mootii Godhe

1Mootiin Waan Maraa ka harka isaa middicha qabee,gosa biyya adda addaa akka inni harka ifii jala galfatuuf,mootota irraa meya woraanaa akka inni hiikuuf,karri qacha'aa akka isatti hin cufanneef,cufanaan isa duraa akka banamuuf,Qiirosii akka mootii te'u muudeen,2«Ani siin dura hin deema;gaarota dirree hin godha.Karra qacha'aa ta sageettuu irraa hujante hin caccassa;danqaraa sibiilaalle hin mura.3Ka maqaa keetiin si waame,ana Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliiakka te'e akka ati beettuuf,ani qabeenna dukkana keessa jiruu fidurummaa addee dhossa'aatitti kuufante si'iif hin kenna.4Ati na beekuu dhaddulle,marroo tajaajilaa kiyyaa Yaaqoobii,Israa'elii filadheef jedhee,maqaa keetiin si waameemaqaa ulfinnaasi'iif kenneera.5Ani Mootii Waan Maraa ti;ana malee ka dhibiin hin jiru.Waaqi na qofa;ati na beekuu dhaddulle,ani si hin jabeessa.6Namooti karaa aduun baatuuhaga karaa aduun seentuuMootiin Waan Maraa na qofa akka te'e,ana malee ka dhibiin akka hin jirreakka beekanuuf,ani tana godhe.7Ani ifaa fi dukkana dade;ani nageya hin buusa;balaalle hin buusa;ani Mootiin Waan Maraa tana mara godha.8Ee ol-gubba'a, gubbaa irraa balchummaa gad roobi;duumensille balchummaa gad roobuu ti;latti banantee, fayyinni latuu ti;balchummaalle isa woliin guddattuu ti.Ani Mootiin Waan Maraa tana mara dade» jedha.9Nama ka isa Dade woliin moromuuf aanne'e!Inni akka faaraaharka nama faara dhowu keessa jiruu ti;faarri nama isa dhowuun,«Ati maan hujaarta?» hin jedhaa ree?Wonni inni dhowu sunille,«Ati harka hin qaddu» hin jedhaa ree?10Mucaa abbaa ifiitiin,«Ati maaf na uumatte?»,Haadha ifiitille'een,«Ati maaf na deette?» jedhuuf aanne'e!11Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii ka isii dade,«Marroo waan te'uu jiruu,marroo ijoollee tiyyaa na gaafattanii ree?Marroo hujii harka kiyyaallena ajajjanii ree?12Lafa dadee, namootalle isii irratti ka dade ana;ol-gubbaa harka kiyyaan diriirsee,urjoota ol-gubba'aalle ka ajaje anuma.13Ani balchumma'aan Qiiros kaaseera;karaa isaa duudiille qajeelcheera.Inni qachaa kiyya deebisee hin ijaara;worra na duraa booji'amegatii malee yookiin kaffaltii maleebilisa hin baasa» jedhaMootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.14Mootiin Waan Maraa,«Karri worra Gibxi'ii,bu'aan daldala worra Itoophiya'aalle si'iif hin te'a;worri Saaba'aa dhedheeraan gara keeti dhufanee,keeti hin te'an;wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, si gula hin deeman;si duratti sagadaa, ‹Dhugumaan Waaqi si woliin jira;isa malee Waaqi dhibiin hin jiru› jedhaasi daadimatan» jedhe.15Ee Waaqa, fayyisaa Israa'elii,ati dhugumaan Waaqa ifi dhossitu.16Worri waaqota dharaa hujatu martihin qaanowan; hin salphatan;isaan marti wolumatti hin salphatan.17Mootiin Waan Maraa ammoo,fayyinna bara baraatiin Israa'el hin fayyisa;ee Israa'el, ati haga bara baraa hin qaanottu;hin salphattulle'e.18Ka ol-gubbaa dade, inni Mootii Waan Maraa ti;Inni lafa bifa itti godhee, jabeessee yennaa dhaabe,akka irra le'anuuf malee, ona akka teetuuf hin danne.Inni, «Ani Mootii Waan Maraa ti;ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.19Ani lafa dukkanaa keessaa, dhossa'aan hin dubbanne.Ani sanyii Yaaqoobiitiin,‹Akkasumaan na barbaada'a› hin jenne;ani Mootiin Waan Maraa dhugaa dubbadha;waan sirrii te'e lassa.20«Isin worri gosa biyya adda addaa keessaabadii irraa ka hattane,wolitti qabama'aatii kowa'a; as dhikaadha'a.Worri fakkii waaqota dharaaKa muka irraa hujante, ba'atee ideemuu fiwaaqa nama fayyisuu hin dandeenne daadimatubeekkumsa hin qabu.21Haajaa keessan dubbadha'aatii dhikeeffadha'a;wolitti qabama'aatii mari'adha'a.Bara dheera'aan dura eennutti tana hime?Duraan dursee eentu raage?Ana Mootii Waan Maraatii motii?Ana malee, Waaqi balcha'aa fi fayyisaandhibiin hin jiru.Ana malee ka dhibiin hin jiru.
22«Ana malee Waaqi dhibiin waan hin jirreef,isin worri qaccee biyya lafaa jirtanu marti,gara kiyya deebi'a'a'aatii fayya'a!23Nami marti na duratti hin jilbiiffata;arrabi martinuu anaan hin kakata;jechi balchumma'aan afaan kiyya keessaa baye,akka hin jijjiirane,ani maqaa kiyyaan kakadheera.
24«Namooti marroo tiyya, ‹Balchumma'aa fi jabeenniMootii Waan Maraa qofa biraa dhaggama› hin jedhan» jedhe.Worri na mormu marti gara kiyya dhufanee hin qaanowan.25Sanyiin Israa'elii martiana Mootii Waan Maraatiinbalchumma'aa fi ulfinna hin dhaggatan.