Isaayaasii Raagichaa42gax_twf

Tajaajilaa Mootii Waan Maraa

1Mootiin Waan Maraa, «Tajaajilaan kiyyaka ani ol qabee fi ka ani filadhe,ka ani itti gammadu kana.Ani ayyaana kiyyaan isa hin guuta;inni gosa biyya adda addaatiif haqa hin fida.2Inni hin iyyu yookiin qoonqoo ifii ol hin qabatu;qoonqoo ifiille karaa irratti hin dhageessisu.3Inni shonbooqqoo dhodhootelle hin cassu;ifa dhaamiisa geyelle hin dhaanfu;inni addatamumma'aan haqa hin fida.4Inni haqa biyya lafaa irrattihaga fidutti,hin dadhabu, addiille hin kutatu.Worri oddoola keessa le'useera isaa addii godhatan» jedhe.
5Mootiin Waan MaraaWaaqi ol-gubbaa dadee diriirse,biyya lafaatii fiwaan isii keessa jiru mara ka dade,lafa tana irratti namootaaf hafuura ka kenne,worra lafa irra le'u maraafille jiruu ka kenne,6«Ani Mootiin Waan Maraabalchumma'aan si waameera;ani harka si qabee, si eega;kolba'aaf gondooroo,gosa biyya adda addaatiififa akka teetu si godheera.7Ila worra balla'aa akka bantu,worra hidhame akka hiittu,worra dukkana mana hidha'aa keessa jirulleakka baattu si godha.
8«Ani Mootii Waan Maraa ti;maqaan kiyya isuma kana;ani ulfinna kiyya waaqota dhibi'iif,leellisa kiyyalle waaqota dharaatiif hin kennu.9Kunoo, wonni dur dubbatante muummotteerti;ani waan haareya isinitti dubbadha;adoo isiin hin te'in isinitti beessisa» jedhe.

Faaruu Leellisaa

10Isin worri abbaayaa irra ideentanu,isin dadi achi keessa leetanu marti,isin worri oddoola keessaaka achi leetanu marti,faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;haga qaccee lafaatille'etti isa leellifadha'a.11Goomole'ee fi qachooti achi keessa jiranu,qoonqoo ifii ol qabatanuu ti;worri Qedaar keessa le'u,isa leellisanuu ti;Worri qachaa Selaa keessa le'ugammadaan faarsuu ti;worri gaara gubba'aalle ilillisuu ti.12Isaan Mootii Waan Maraatiifulfinna kennanuu ti;leellisa isaalleworra oddoola keessaatitti lallabanuu ti.13Mootiin Waan Maraaakka nama hunnaamessaa hin duula;akka nama gootaa hinaaffaan isaaisa keessaa hin kakkaati;inni qoonqoo guddo'oon geerarsa lolaa hin geerara;diinota ifiille hin injifata.14Mootiin Waan Maraa,«Ani yennaa hedduu cadhisee,sarmee, ifi qabadhe;amma ammoo akka dubartii ciniinsifattuuhin iyya, ittanaa, hin hargana.15Ani koobotaa fi gaarota hin onsa;waan isaan irratti late mara hin gossa.Laga oddoola hin godha;baleessalle hin gossa.
16«Worra ballaa karaa isaan hin beenne irra,daandii dur isaan deemanee hin beenne irra,ani isaan hin sooressa;ani isaan duratti dukkana ifa hin godha;daandii kattattaalle wol hin qixxeessa.Ani tana isaaniif hin godha;isaan hin lakkisu.17Worri waaqota dharaatitti addattu,ka fakki'iin, ‹Isin waaqota keenna› jedhu,deebi'anee hin qaanowan.

Israa'el Mootii Waan Maraa Caqasuu Didde

18«Isin worri duudaan dhage'a'a!Isin worri ballaan ilaala'aa, dhagga'a!19Tajaajilaa kiyya malee, ballaan eennu?Ergamaa ani erge malee,duudaan eennu?Ka akka nama ifi naaf kennee,yookiin ka akka tajaajilaa kiyyaa ballaan eennu?20Ee Israa'el, isin waan hedduu dhaggitaneertan;ammoo hin qalbeeffanne;gurri keessan bana'a;ammoo waan tokkolle hin dhageettanu» jedhe.21Mootiin Waan Maraa balchummaa ifiitiif jedhee,seera ifii gudda'aa fika ulfinna qabu godhiisa jaalate.22Kolbaan tun ammoo, saamantee booji'anteerti;isaan marti boolla keessatti qabamanee,manni hidha'aa isaanitti cufameera;isaan saamamaneeran;nami isaan baasu hin jiru;isaan booji'amaneeran;ka, «Isaan deebisa'a!» jedhu hin jiru.23Isin keessaa tana ka caqasu eennu?Waan dhufu'uu jirulle eentu dhage'ee, qalbeeffata?24Yaaqoob worra saamutti dabarsee ka kenne eennu?Israa'el worra booji'utti dabarsee ka kenne eennu?Mootii Waan Maraa ka nuuti fuula isaa duratticubbuu hunye sanii motii ree?Nuuti karaa isaa hin hordonne;seera isaatiifille hin ajajanne.25Tanaaf inni aarii ifii ta bobeettuu fiworaana hamaa nutti fide.Inni bobe'a ibiddaatiin nu marse;nuuti ammoo hin hubanne;bobe'i ibiddaa nu gube;nuuti ammoo hin qalbeeffanne.