1Yennaa san dubartooti torba dhiira tokko qabattee, «Nuuti sagaluma teenna hin nyaanna; woyaalle teennuma uffanna; salphinni keenna akka hafu, maquma keetiin waamannuu ti» hin jetti.
Adde'etti Deebi'iisa Yerusaalemii
2Yennaa san wonni Mootiin Waan Maraa lafa irratti lachisiisu ka miidhaguu fi ka ulfinna qabu hin te'a; midhaan muka lafa irratti latulle kolbaa Israa'elii worra baraaree hafeef, kooraa fi ulfinna hin te'a.3Worri Xiyoon keessatti hafee Yerusaalem keessa haga ammaa le'iisatti jiru, Yerusaalem keessatti worra baraaree hafee galmowe mara woliin woyyoota jedhamanee hin waamaman.4Mootiin Waan Maraa dubartoota Xiyoonii irraa xurii hin dhiqa; ayyaana mura'aatii fi ayyaana ibiddaatiin Yerusaalem irraa dhiiga dhiqee hin qulleessa.5Achiin duuba Mootiin Waan Maraa gaara Xiyooniitii fi worra achi irratti wolitti qabamane mara irratti guyyaa duumensaa fi aara, halkan ibidda bobe'u hin dada; ulfinni isaalle qachaa san guutumatti itti hin gonbooba.6Gonboobi sun yennaa o'a adu'uu, gaaddisaa fi waan jalatti qophatanu, yennaa bubbe'eetii fi bokkeyaa addee itti baqatanuu fi addee itti dhokatanu hin te'a.