Isaayaasii Raagichaa38gax_twf

Hisqiyaas Dhibamee Fayye

1Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.2Achiin duuba Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee,3«Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe.4Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Isaayaasii dhufee,5«Dhaqiitii Hisqiyaasiin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera; ani bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a.6Ani si'ii fi qachaa Yerusaalemii kana harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani qachaa kanalle hin eega› jedhi» jedheen.7Isaayaas deebisee, «Mootiin Waan Maraa waadaa si'iif gale kana akka muummessuuf, beessisi inni si'iif kennu kana:8Inni, ‹Kunoo, gaaddisa adu'uun yaabbannoo Ahaazii irratti gad gale kana, tarkaaffii kudhan gara duubaa akka deebi'u hin godha› jedheera» jedhe. Maarre gaaddis tarkaaffii kudhan gara duubaa deebi'e.9Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dhibee ifii irraa fayyeen duuba, waan asii gad jiru barreesse:10Ani, «Wodhakkaa bara jiruu tiyyaatittigara karra addee worri du'e jiruu dhaqaa ree?Barri kiyya ka hafelle na irraa saamamaa ree?11Ani deebi'ee lafa worra jiraata'aatittiMootii Waan Maraa,biyya lafaa irralle'etti namoota hin dhaggu.12Akkuma dunkaaniin tissitootaa buqqaatu,barri jiruu tiyyaa na irraa hin fudhatama;akkuma worri woyaa dhowu woyaa maru,akkasuma jiruun tiyya hin maranti;akkuma nami woyaa dhowuwaan woyaa dhowee itti maruirraa woyaa muru,jiruun tiyyalle,guyyaa tokko keessatti hin muranti.13Ani haga latti bariitutti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyya;inni ammoo akka neenqaa lafee tiyya mara caccassa;guyyaa tokko keessatti jiruu tiyya mura.14Ani akka sinbirree doogo'oo iyya;akka saphaliisaalle aada;ilti tiyya gara ol-gubba'aa ilaaliisaan dadhaddeerti.Ee Mootii Waan Maraa,ani rakkadheera,na qarqaar.15Eega inni natti dubbatee,tana godhe ani ammoo maan jedha ree?Jiruun tiyya waan natti hadhootteefbara jiruu tiyyaa maragad ifi qabee tiradha.16Ee Mootii Waan Maraa,kolbaan jecha keetii fi waan ati gootuun leeti;ayyaanni kiyyalle tanaan jiruu dhaggata;ati na fayyittee, akka le'u na goote.17Dhugumaan wonni ani rakkadhee farreef,bu'aa tiyyaaf.Ati boolla badi'ii irraa na eedde;cubbuu tiyya mara naaf lakkitte.18Qileen si hin galateeffattu;duuti si hin leellifattu;worri du'e addatamummaa teetitti addii hin godhatu.19Akkuma ani si leellifadhu,worri jiru'uun jiru si leellifatan;addatamummaa teetiabbootiin ijoollee ifiititti hin himan.20«Mootiin Waan Maraa na hin fayyisa;tanaaf bara jiruu teennaa marameya faaru'uutiinGalma Mootii Waan Maraa keessatti faarfanna» jedhe.21Isaayaas, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii,iita Hisqiyaasii irra keya'a; innille hin fayya» jedheeraayyu.22Hisqiyaasille, «Ani gara Galma Mootii Waan Maraaakka ol bayu beessisi maan?» jedhee gaafateeraayyu.