Isaayaasii Raagichaa37gax_twf

Hisqiyaas Akka Isaayaas Isa Gorsu Gaafate

1Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddeelle uffatee gara Galma Mootii Waan Maraa seene.2Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worra jaarsole'etti woyaa gaddaa uffisee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii isaan erge.3Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti.4Dubbii ajajaa loltootaa Rabshaaqeenii ta goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana dhage'ee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa hin adaba fa te'aa, worra hafeef daadimadhu› jedha» jedhane.5Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane,6inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, goottaa keessaniin, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin.7Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee gara biyya ifii deebi'u isa godhu isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii itti hima'a» jedhe.

Senaaheriib Ammalle Mooticha Yihuda'aatitti Roorrise

8Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge.9Mootiin Itoophiya'aaTiirhaaqaan akka isa loliisaaf dhufaaru Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasitti namoota ergee,10«Ee Mootii Yihuda'aa Hisqiyaas! Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin.11Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa?12Kolbaa qachaa Gozaanii, kolbaa qachaa Kaaraaniitii fi kolbaa qachaa Rezeefii, akkasuma kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu ta abbootiin tiyya ta durii balleessite, Waaqoti gosa biyya adda addaa isaan baasaneeranii ree?13Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe.

Daadimata Hisqiyaasii

14Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirsee,15isa daadimatee,16«Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduungubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; ati lafaa fi ol-gubbaa daddeerta.17Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i.18Ee Mootiin Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii mara dhugumaan balleessaneeran;19waaqota isaaniille ka dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane gubanee balleessaneeran.20Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna! Mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe.

Ergaa Isaayaas Mooticha Hisqiyaasitti Erge

21Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif daadimatte dhage'eera› jedha.22Mootii Waan Maraa marroo isaatiif, ‹Ee Senaaheriib, kolbaan Yerusaalemii si tuffattee sitti murgiti; si'ii dheettuun kolbaan Yerusaalemii si duubaan sitti kolliti.23Ka ati arrassitee fi ka ati faanshessite eennu? Ati eennu irratti barooddee ila teeti baache? Ana woyyicha Israa'elii irratti motii?› jedha24Ati karaa ergantoota teetiitiin, Mootii Waan Maraa irratti murgitee, ‹Ani garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu heddu'uun gara qaccee gaarotaatitti, qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera; qaccee gaarota sanii irraa hindheensa dhedheera'aa fi birbirsa dadansaa jijjisseera; gara gongomaa ciggaa addee ol kaate irra jiru keessa seeneera.25Biyya ormaa keessatti boolla bisaanii qotee, bisaan achii uneera; faana miila kiyyaatiin lagoota Gibxi'ii mara gosseera› jette.26«Mootiin Waan Maraa, ‹Waan amma te'e kana akka ani qopheesse, bara heddu'uun dura karoora akka baase, qachoota dalleya dhaka'aa qabanu akka ati butuchitu, tuulaa kosi'iille akka ati isaan gootu, akka ani godhe ati hin dhageennee?27Kolbaan qachoota san keessa leetu hunna dhaddee, sodaattee qaanotteerti; akka biqiltuu diida keessaa yookiin akka marra lattu'uu, akka marra mana irratti latee, akka midhaan qilleensaan qooree te'aneeran.28«‹Ani ammoo ka'aa fi teessoo teeti, bayaa fi gala keeti, aari'iin na irratti ka'iisa keeti beekeera.29Ati aari'iin na irratti waan kaateef, kooriisa keetille waan dhage'eef, ani saganaa kiyya funnaan keetitti, bixaala kiyya afaan keetitti keyee, karuma dhutte si deebisa› jedha» jedhe.30Isaayaas ammalle mooticha Hisqiyaasiin, «Tun beessisa si'iif hin teeti: ‹Baranaa fi bara dhufu midhaan haaga'ee hin nyaatta; woggaa sadeesso'oo ammoo midhaan facaattee hin haammatta yookiin muka woyni'ii dhaabbattee midhaan isi'ii hin nyaatta.
31«‹Sanyii Yihuda'aa keessaa worri miliqee hafe,akka mukaa hidda gad yaafateemidhaan hedduu hin buusa.32Worri Yerusaalem keessatti baraaree hafanee fiworri gaara Xiyoonii irratti lubbu'uun hafane hin dhufan;hinaaffaan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetana hin gooti› jedhe.33«Tanaaf Mootiin Waan Maraa marroo mootii Asoorii, ‹Inni qachaa kana hin seenu yookiin daaya as itti hin darbatu; wontee qabattee itti hin dhikaattu yookiin kushee itti hin ijaarratu.34Inni karuma dhufe deebi'a malee, qachaa kana hin seenu. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.35Ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega; hin hamburalle'e› jedheera» jedhe.36Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa bayee, quttuma worra Asoorii keessatti, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane.37Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e.38Gaafa tokko inni galma seenee waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e.