Isaayyaas
35
/
gaz_bib
Gammachuu Warra Furamanii
1
Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu;
lafti onaan ni ililcha; ni daraaras.
Akka arfaasee,
2
baayʼinaan daraara;
akka malee gammadees ililcha.
Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi
Shaaroon ni kennamaaf;
isaan ulfina Waaqayyoo,
surraa Waaqa keenyaas ni argu.
3
Harka dadhabe jajjabeessaa;
jilba laafes cimsaa;
4
warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa:
“Jabaadhaa; hin sodaatinaa;
Waaqni keessan ni dhufa;
inni haaloo baasuuf dhufa;
gatii malu qabatee
isin oolchuuf ni dhufa.”
5
Ergasii iji nama jaamaa ni banama;
gurri nama duudaas ni dhagaʼa.
6
Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala;
arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata.
Bishaan gammoojjii keessaa,
burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.
7
Lafti nama gubu haroo,
lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa.
Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga,
shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila.
8
Karaan guddaan tokko achi ni jiraata;
innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama;
inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa.
“Xuraaʼonni” isa irra hin deeman;
gowwoonni achiinuu hin baʼan.
9
Leenci achitti hin argamu;
yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu;
isaan achitti hin argaman.
Garuu warra furaman qofatu achi irra deema;
10
warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu.
Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu;
gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata.
Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu;
gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter