Isaayaasii Raagichaa35gax_twf

Gammada Worra Wodamee

1Goomole'ee fi latti godduun hin gammaddi;gammoojjiin firinxiixxee,akka daraara'aa hin daraarti.2Goomoleen daraaraa hedduu daraartee,guddoo firinxiixxee, hin ilillitti;ulfinni gaara Libaanonii,arnyi gaara Qarmelosiitii fidhooqa Shaaronii isi'iif hin kennama.Nami marti ulfinna Mootii Waan Maraatii fiarnya Waaqa keennaa hin dhagga.
3Harka dadhabe jabeessa'a;jilba lelleqelle jabeessa'a.4Worra gadhaan isaanii soda'aan qabameen,«Jabaadha'a; hin sodaatina'a!Kunoo, Waaqi keessan diinota keessan haluu bayiisaaf,yakkaa isaan isin irratti hujaneefgatii isaan kaffalchiisiisaaf,isin ammoo fayyisiisaaf hin dhufa» jedha'a.
5Achiin duuba ilti worra balla'aa hin bananti;gurri worra duuda'aalle hin dhage'a.6Naafi akka gadansaa hin utaala;worri afaan duuda'aa, hin ilillisa.Gammoojjii keessaa bisaan,goomolee keessaa maddi hin burqa;7maansi akka ibiddaa gubu baleessa hin te'a;lafa godduu keessaa bisaan hin burqa.Addeen jeedalti keessa leetumarra, shonbooqqo'oo fi allaaduu hin baatti.
8Achi keessa karaan guddaan hin baya;maqaan isaalle, «Karaa Woyyicha» hin jedhama.Karaa san irra kolbaa Waaqaa qofattuu deema malee,worri battiin irra hin deemu;worri gowwooleelle irra hin deemu.9Neenqi achi hin jiraatu;bineensi hamaan achi irra hin ideemu.Worra wodame qofattuu achi irra ideema.10Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an;faarfataa gara Xiyoonii hin galan.Kallacha gammada bara baraa mata'atti hin keyatan;isaan gammadaa fi qananummaa hin dhaggatan;gaddaa fi aadiis isaan irraa hin fagaata.