Isaayyaas34gaz_bib

Murtii Saboota Eeggattu

1Yaa saboota, isin as dhiʼaadhaatii dhaggeeffadhaa;yaa namoota, isinis qalbeeffadhaa!Lafti haa dhageessu; kan ishee keessa jiraatu hundis,addunyaa fi wanni ishee keessaa baʼu hundinuu haa dhagaʼan!2Waaqayyo saboota hundatti aareera;dheekkamsi isaa loltoota isaanii hunda irra buʼeera.Inni guutumaan guutuutti isaan barbadeessa;inni akka qalamaniif dabarsee isaan kenna.3Isaan keessaa warri duʼan alatti gad darbataman;reeffi isaanii ni ajaaʼa;tulluuwwan dhiiga isaaniitiin tortoru.4Raayyaawwan samii hundinuu ni baqu;samiinis akkuma kitaaba maramaa ni marmarama;raayyaan urjiiwwanii hundinuu akkuma baala wayinii coollagee,akkuma harbuu muka harbuu irraa harcaʼuutti harcaʼu.
5Goraadeen koo samii keessatti hamma quufutti dhugeera;kunoo inni Edoomitti muruuf,gara saba ani guutumaan guutuutti barbadeesseetti gad buʼeera.6Goraadeen Waaqayyoo dhiiga keessa cuuphameera;inni coomaan, dhiiga xobbaallaawwan hoolaatii fi reʼootaatiin,moora kalee korbeeyyii hoolaatiin haguugameera.Waaqayyo Bozraa keessatti aarsaa,Edoom keessatti immoo qalma guddaa qopheesseeraatii.7Gafarsi isaan wajjin,jiboonnis korommii gurguddaa wajjin dhumu.Lafti isaanii dhiigaan jiiti;biyyoon isaaniis moora quufa.
8Waaqayyo guyyaa itti haaloo baʼu,waggaa itti waaʼee Xiyoon falmu qabaatii.9Burqaawwan Edoom leeleetti,biyyoon ishees dinyii bobaʼutti geeddarama;lafti ishee immoo leelee bobaʼu taʼa!10Inni halkan yookaan guyyaa hin dhaamu;aarri isaas bara baraan ol baʼa.Lafti sun dhalootaa hamma dhalootaatti ontee hafti;namni tokko iyyuu deebiʼee ishee keessaan hin darbu.11Cululleen gammoojjiitii fi dhaddeen lafa sana ni fudhatu;urunguu fi arraagessi mana isaanii achitti ijaarratu.Waaqni Edoom irra, funyoo jeequmsaatii fimadaalii badiisaa ni diriirsa.12Gurguddoonni ishee waan mootummaa jedhamee waamamuachii hin qabaatan;ilmaan mootota ishee hundi ni badu.13Masaraa ishee qoraattii,daʼannoo ishee doobbii fi sokorruutu dhaala.Isheen boolla waangoo,iddoo urunguun jiraattu ni taati.14Uumamawwan gammoojjii waraabessa wajjin wal gaʼu;hafuuronni hamoo reʼee diidaa fakkaatan wal waamu;uumamawwan halkanii achi boqotan;ofii isaaniitiifis iddoo aara galfannaa argatu.15Urunguun achitti manʼee ijaarrattee hanqaaquu hanqaaqxi;cuucii yaaftees qoochoo jalatti kunuunfatti;allaattiinis dhirsaa fi niitii taatee achitti walitti qabamti.16Kitaaba Waaqayyoo keessaa ilaalaatii kan akkana jedhu dubbifadhaa:Isaan kanneen keessaa tokko iyyuu hin dhabamu;tokkittiin iyyuu dhirsa ishee hin dhabdu.Afaan Waaqaa ajajeeraatii;Hafuurri isaas walitti isaan qaba.17Isatu qooda isaanii hiraaf;harki isaa safartuudhaan isaaniif qooda.Isaan bara baraan qooda kana ni qabaatu;dhalootaa hamma dhalootaattis achi jiraatu.