Isaayaasii Raagichaa32gax_twf

Mootummaa Balchumma'aa

1Kunoo, mootiin balchumma'aan hin mowa; bulchitootille haqaan hin bulchan.2Tokko tokkoon isaanii akka addee qilleensa jabaa duraa itti dhokatanuu, akka dawoo bubbee bokkeyaa duraa itti baqatanuu, akka madda bisaanii ka goomolee keessaa, akka gaaddisa rassaa guddaa lafa dheebu'uu keessa jiruu hin te'an.3Achiin duuba ilti worra dhagguu hin dhaggiti; gurri worra dhage'uulle hin dhage'a.4Qalbiin worra jarjaruu beekkumsa hin hubatti; arrabi worra gikkisuu hiikamee qulleessee hin dubbata.5Haganaa achi nami gowwaan nama kabajamaa hin jedhamu yookiin nami yabaabulaan ulfinna hin dhaggatu.6Nami gowwaan gowwummaa dubbata; qalbiin isaa hammeenna yaadatti; inni waan hantuu hujaa, Mootii Waan Maraa arrassa; worra beelote agabuu lakkisa; worra dheebote bisaan dhooggata.7Malli nama yabaabula'aa hammeenna; nami hiyyeessi waan haqa te'e yoo dubbatelle, nami hamaan dubbii sobaatiin, worra hiyyeeyyii balleessiisaaf, mala hamaa dhowa.8Nami ulfinnaa ammoo karoora ulfinnaa baasa; hujii ulfinnaatiin jabaatee le'a.

Dubartoota Yerusaalemii

9Ee isin dubartoota qananumma'aan leetanu, ka'a'aatii, na caqasa'a. Isin ijoolleen durraa ta bidhaa tokko malee leetanu, waan ani jedhu dhage'a'a.10Isin dubartooti bidhaa tokko malee leetanu, muki woyni'ii midhaan waan hin buunneef, yennaan midhaan buusulle waan hin jirreef, woggaa tokkoon duuba naatanee hin hollattan.11Isin dubartooti qananumma'aan leetanu, holladha'a; isin dubartooti bidhaa tokko malee leetanu romma'a. Woyaa teessan baafadha'aatii, woyaa gaddaa hidha keessanitti hidhadha'a.12Fichaa laafa'aa fi fichaa woyni'ii ka midhaan buusuuf, qoma keessan dhowataa bowa'a.13Fichaa kolbaa tiyyaa ka qore'ee fi qumi'uuduu baaseef, manoota namooti keessatti gammadane maraaf, qachaa caaqaan guutame kanaaf bowa'a.14Manni mootumma'aa hin ona; qachaan hogaan keessa guutelle duwwaa hin te'a; koobii fi xelleephoon irra tee'anee eeganu haga bara baraa lafa duwwaa harreen diidaa keessa burraaxxuu fi horiin keessa dheedu hin teeti.15Tunille haga Waaqi ayyaana ifii gubbaa irraa nu irratti dhangalaasutti hin teeti. Achiin duuba goomoleen fichaa laafaa hin teeti; fichaan laafaan akka gongoma'aa hin te'a.16Haqi goomolee keessa, balchummaalle fichaa laafa keessa hin jiraatti.17Hujiin balchumma'aa nageya fiddi; bu'aan balchumma'aalle sarmiisaa fi bidhaa malee le'iisa.18Kolbaan tiyya addee nageyaa, mana bidhaan hin jirree fi addee itti sarmanu keessa hin leeti.19Gongomaan dhakaa bokkeyaatiin badulle, qachaan ijjumaa diigamulle,20isin qarqara bisaaniititti midhaan waan facaafattanuuf, loon keessanii fi harreelee teessan addee feetanetti waan bobbaafattanuuf hin gammaddan.