Isaayaasii Raagichaa28gax_twf

Efreemiif Aanne'e

1Qachaa Samaariya'aa, worra machowaa Efreemiitiif kallacha kooriisaa ka te'e, dhooqa lafa laattuu gubba'atti, daraaraan dansummaa ulfinna isaa ka irraa qooreef, ka worri daadhii woyni'iitiin suleittiin kooruuf aanne'e!2Kunoo, Mootiin Waan Maraa nama jaba'aa fi hunnaamessa qaba; nami sun akka dhakaa bokkeyaa, akka qilleensa wo balleessuu, akka lolaa hama'aa fi akka bokkeya hama'aa, qachaa san hunnaan lafatti dhowa.3Kallachi namoota Efreemii ka worri machowu ittiin kooru, miilaan irra sirbama.4Qachaan Samaariya'aa ka dhooqa lafa laattuu gubba'atti, daraaraan dansummaa ulfinna isaa irraa qoore, akka harruu yenna'aan dura bilchaattee, ka nami akkuma dhaggeen fudhatee nyaatee fixuu hin te'a.5Guyyaa san Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii worra baraaree hafeef kallacha ulfinnaatii fi daraaraa dansumma'aa hin te'aaf.6Worra barcumaa mura'aa irra te'uuf, ayyaana haqaa, worra karra qacha'aa irraa diina dhoogguuf hunna hin kenna.

Isaayaasii Fi Raagota Yihuda'aa Machoottuu

7Isaan kun daadhii woyni'ii unanee gatantaran; untoon macheessituun joonjan; Hayyootii fi raagoti untoo macheessitu unanee gatantaraneeran; daadhiin woyni'iille isaan joonjessiteerti; raagoti yennaa mudhii dhagganu hin qalbeeffatanu; hayyootille yennaa muraa kennanu hin dokonkoran.8Qoriin isaanii duudiin diddigaan guutteerti; addeen qulqullitiin hin jirtu.9Isaan, «Inni eennu barsiisiisaaf wodhaana? Ergaa ifiille eennutti issee hima? Ijoollee harma lakkitte ta reefuu harma irraa guute barsiisaa?10Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja, seerata irratti seerata, seerata irratti seerata, asii barumsa diqqaa tokko, achii barumsa diqqaa tokko nutti dabalaa?» hin jedhan.11Maarre Mootiin Waan Maraa dubbii hin barataminii fi afaan ormaatiin kolbaa tanatti hin dudubata.12Inni isaaniin, «Addeen tun addee fooraa ti; worri dadhabe dhufee itti foorfatuu ti; addeen tun addee nageyaa ti» jedhe. Isaan ammoo hin dhageenne.13Tanaaf jechi Mootii Waan Maraa ka isaan raagichaan, «Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja, seerata irratti seerata, seerata irratti seerata, asii barumsa diqqaa tokko, achii barumsa diqqaa tokko nutti dabalaa?» jedhane sun isaan irratti hin te'a. Yennaa san isaan duubatti deebi'anee, jiganee hin caccaban; tiyyoolle'een qabamanee hin booji'aman.

Dhakaa Roga Qaccee Ijaarsaa Ka Xiyoonii

14Tanaaf isin worri murgaameyyiin, worri kolbaa Yerusaalem keessaa bulchitanu, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!15Isin, «Du'a woliin wol gondoorreerra; addee worri du'e jiru wolille'een wolii galleerra; balaan sodaachisu yennaa dhufu, dhara addee itti baqannu, soba addee itti dhokannu waan godhanneef, womaa nu hin tuqu» jettanee koortaneertan.16Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhakaa hunde'ee, ka haga ilaalame, dhakaa roga ijaarsaa ka gatii guddo'oo, ka hundee jaddu'uuf te'u, Xiyoon keessa hin keya; nami isatti dhugeeffatu ijjumaa hin raafamu.17Ani haqa wodaroo miki'ii, balchummaalle tumbiihin godhadha; dhara isin itti baqattanu san dhakaan bokkeyaa hin balleessa; addee isin itti dhokattanu lolaan irra dhangala'a.18Gondooroon isin du'a woliin wol gondoorattane hin diiganti; wolii galteen isin addee worri du'e jiru woliin wolii galtane hin baddi. Balaan sodaachisu yennaa dhufu, isin balaa saniin hin baddan.19Balaan sun yennaa dhufu mara, isin fuudhee hin dabara; ganama ganama, halkanii fi guyyaalle isin hin haxowa» jedha.
20Tunille akka mammaassa, «Nami taqee gabaadduu irra rafu hin diriirfatu; nami bullukkoo gadhaa dhiphattu uffatulle ifitti maree hin rafu» jedhame sanii ti.21Mootiin Waan Maraa gaara Pheraaziimii irratti, dhooqa Giibe'onii keessalle'etti akkuma godhe, ammalle hujii ifii ta baasaa hujiisaaf, kancira hujii ifii muummessiisaaf hin ka'a.22Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Maraa Dande'u, biyya lafaa ijjumaa akka balleessu ani dhage'eera. Tanaaf hidhaan akka isinitti hin jabaanne, murgiisa lakkisa'a.

Qarummaa Waaqaa

23Caqasa'a; qoonqoo tiyya dhage'a'a; waan ani jedhulle qalbeeffadha'a.24Qonnaan bulaan, fichaa ifii yennaa mara qotaa ree? Inni quqquuqaa bubbutuchaa, yennaa mara lafa laaffisaa ree?25Lafa miidhasseen duuba dinbilaali'ii fi onkoosheefacaasaa motii ree? Qamadii tarree isi'iititti, Garbuu addee isaaf qophoottetti, midhaan adda addaalle qarqara sanitti facaasaa motii ree?26Kana mara akka inni huju Waaqa isaatitti isa gorsee, isa barsiise.27Dinbilaalliulee qadho'oon malee, ulee furdo'oon hin dhowantu; onkoosheelle harxumme'een dhowanti malee, korboo garreettaa fardaan harkifamuun hin dhowantu.28Midhaan daabboo hujiisaaf daakama; maarre nami tokko haga bara baraa midhaan dhowaa hin le'u. Dhowiisaaf korboo garreettaa fardaan harkifamuu irra oofan malee, butuchiisaaf moti.29Tun duudiin Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, abbaa gorsa maade'eetii fi abbaa qarummaa guddo'oo biraa dhutte.