Isaayaasii Raagichaa26gax_twf

Faaruu Injifacha'aa

1Yennaa san faaruun asii gad jirtu lafa Yihuda'aa keessatti hin faarfanti:«Nuuti qachaa jabaa qanna;Waaqi dalleya dhaka'aatii fikushee qacha'aa saniin nu hambure.2Kolbaan balchittiinta dhugeeffannaa ifii eegatte akka seentuuf,karra qachaa sanii bana'a.3Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu,waan inni sitti addateef,ati nageya guutu'uun isa hin eedda.4Inni rassaa bara baraa waan te'eef,haga bara baraaMootii Waan Maraatitti addadha'a.5Inni qachaa kooru hin salphisa;worra achi keessa le'ulle hin adaba.Inni qachaa ol ka'e san gara lafaa gad hin qaba;bukuu keessalle'etti gad hin gata.6Miilli worra cunqurfamaneeisa irra hin ideema;faanti worra hiyyeeyyi'ii isa irra sirbiti.
7«Ee Mootii Waan Maraa qajeela'a!Ati balchootaaf karaa hin qulqulleessita;daandii isaan irra ideemanullewol hin qixxeessita.8Ee Mootii Waan Maraa!Karaa seera keetii irra ideemaa,addi'iin si eeganna;maqaa keetii fi waan ati nuu gooteqaabatiisa dharraana.9Halkan lubbuun tiyya si dharraati;ayyaanni kiyyalle si dharra'a;yennaa ati lafatti murtu,kolbaan biyya lafaa irra leetubalchummaa hin baratti.10Worra hama'aaf gadhaa yoo laafanelle,balchummaan maan akka teete hin baratanu.Isaan lafa qajeelumma'aa keessalle'ettiwaan hantuu hujan;arnya Mootii Waan Maraallehin qalbeeffatanu.11Ee Mootii Waan Maraa,harki keeti isaan adabiisaaf ol ka'eera;isaan ammoo hin dhagganu;akka ati kolbaa teetiif hinaattudhagganee qaanowanuu ti;ibiddi ati diinaaf qopheessite isaan fixuu ti.
12«Ee Mootii Waan Maraa,ati nageya nuuf hin kennita;waan nuuti hunye mara nuuf muummessiteerta.13Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna!Goottoleen dhibiin nu bulchaneeran;nuuti ammoo maqaa keeti qofa ulfeessina.14Isaan amma du'aneeran;haganaa achi hin jiraatanu;ekeraan isaanii hin kaatu.Ati isaan addaddee balleessite;dabarsii isaanii mara ijjumaa balleessite.15Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti baceessite;ati isaan baceessitee, ulfinna ifiif fudhatte.Meessaa lafaalle karaa maraan badhitte.16Ee Mootii Waan Maraa,isaan yennaa rakko'oo gara keeti dhufane;yennaa ati isaan adadduhasaassa'aan si daadimatane.17Ee Mootii Waan Maraa, akkuma dubartiin ulfaa,yennaa deyiisaaf ciniinsifattu iyyitu,nuutille si duratti akkasuma teene.18Akka dubartii ulfoottee ciniinsifattee teene;ammoo womaa hin deenne;waan biyya qarqaaru, waan hunye hin qannu;biyya lafaa irralle'etti nama hin daballe.
19«Kolbaan teeti ta duute hin kaati;reeffi isaanii hin ka'a.Isin worri awwaalantaneertanuka'a'aatii, ilillisa'a!Ee Mootii Waan Maraa,Fixeensi ati ergitu fixeensa jiruu kennu waan te'eef,latti ekeraa ol hin baatti.

Mura'aa Fi Boojuu Irraa Deebi'iisa

20«Ee kolbaa tiyya, kolloo teessan ol seena'aatii, balbala teessan cufadha'a; haga mufiin isaa dabartutti haga diqqaa dhokadha'a.21Kolbaa biyya lafaa cubbuu isaaniitiif adabiisaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa addee bultoo ifiitii dhufiisatti jira. Latti dhiiga isii irratti dhangala'e hin mudhitti; haganaa achi worra ijjeefamane hin dhossitu» ta jettu.