Isaayyaas23gaz_bib

Raajii Waaʼee Xiiroos

1Raajii waaʼee Xiiroos:Yaa dooniiwwan Tarshiishi wawwaadhaa!Xiiroos barbadoofteemana yookaan buufata doonii malee hafteertii.Biyya Qophroosoduun isaan qaqqabeera.
2Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fidaldaltoonni Siidoonaa, warri galaana irra marmaaranisin sooromsan calʼisaa.3Midhaan Shihoorbishaanota gurguddaa irraan dhufe;oomishni Abbayyaa Xiiroosiif galii ture;isheenis lafa gabaa kan sabootaa taate.
4Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi;galaanni akkana jedhee dubbateeraatii:“Ani hin ciniinsifanne yookaan hin deenye;ilmaan hin horanne yookaan intallan hin guddifanne.”5Yeroo oduun gara Gibxi dhufuttiisaan gabaasa Xiiroos irraa dhufuun ni dhiphatu.
6Isin gara Tarshiishitti ceʼaa;yaa warra qarqara galaanaa jiraattan wawwaadhaa.7Magaalaa dulloomtuun durii,kan miilli ishee ishee fuudhee,akka isheen biyya fagoo keessa qubattuuf ishee geesse kun,magaalaa kee ishee fandalaltuudhaa?8Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftukan daldaltoonni ishee ilmaan moototaa taʼankan daldaltoonni ishee lafa irratti kabajamoo taʼanittieenyutu waan kana karoorfate?9Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼuof jaja ishee kan ulfina ishee hunda keessa jiru gad deebisuu fiwarra lafa irratti kabajaman hunda salphisuufwaan kana karoorfateera.
10Yaa Intala Tarshiish,ati siʼachi buufata doonii hin qabaattuutii,lafa kee hamma Abbayyaa bira gaʼutti qotadhu.11Waaqayyo harka isaa galaana irra qabeemootummoota hollachiiseera.Inni akka daʼannoowwan ishee diigamaniifwaaʼee Kanaʼaan ajaja kenneera.12Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa,ati kana caalaa hin fandalaltu!“Kaʼiitii gara Qophiroositti ceʼi;ati achitti iyyuu boqonnaa hin argattu.”13Mee biyya Baabilonotaa ilaali;uummanni kun amma seenaa hin qabu!Warri Asoor akka isheeniddoo jireenya uumamawwan gammoojjii taatu godhan;isaan siree eegumsaa ijaarratan;daʼannoowwan ishee qullaa hambisan;ishees ni barbadeessan.
14Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa;daʼannoon keessan barbadeeffameeraatii!15Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa:16“Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu,baganaa qabadhuutii magaalaa keessa naannaʼi;ati akka yaadatamtuuf baganaa sirriitti rukuti;sirba baayʼee sirbi.”17Dhuma waggaa torbaatamaatti Waaqayyo Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti.18Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu Waaqayyoof addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa.