Isaayyaas
21
/
gaz_bib
Raajii Baabiloniin Mormu
1
Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu:
Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana,
weeraraan tokko gammoojjiidhaa,
biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
2
Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera:
gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti.
Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi!
Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
3
Kana irratti dugdi na cite;
akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe;
ani waanan dhagaʼeen nan holladhe;
waanan argeenis nan raafame.
4
Qalbiin koo ni raafame;
sodaan na hollachiise;
dimimmisni ani hawwe sun
sodaatti na jalaa geeddarame.
5
Isaan maaddii qopheessu;
afaa diriirsu;
ni nyaatu, ni dhugu!
Isin qondaaltonni kaʼaa;
gaachanas zayitii dibaa.
6
Gooftaan akkana naan jedha:
“Dhaqiitii eegduu tokko ramadi;
innis waan argu haa himu.
7
Inni yommuu warra farda yaabbatan
kanneen lama lamaan yaaʼan,
warra harree yaabbatan
yookaan warra gaala yaabbatan argutti,
haa dammaqu;
guutumaan guutuutti haa dammaqu.”
8
Eegduun sunis akkana jedhee iyye;
“Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan
qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha;
halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
9
Kunoo, warri farda yaabbatan,
lama lamaan dhufaa jiru;
inni akkana jedhee deebise:
‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti!
Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu
burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ ”
10
Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan,
ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.
Raajii Edoomiin mormu
11
Raajii Duumaan mormu:
Namni tokko Seeʼiirii na waamee,
“Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?
Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
12
Eegduun sunis,
“Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa.
Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa;
garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.
Raajii Biyya Arabaatiin Mormu
13
Raajii biyya Arabaatiin mormu:
Isin imaltoonni Dedaan
kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
14
warra dheeboteef bishaan fidaa;
isin warri Teemaa keessa jiraattan,
baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
15
Isaan goraadee jalaa,
goraadee luqqifame jalaa,
xiyya aggaamame jalaa,
hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.
16
Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma.
17
Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter