Ergaa Marroo Jinnana Baabilonii
1Ergaan marroo lafa goomolee qarqara Abbaaya'aa ta asii gad jirtu: Akkuma hobonbolattiin gara kibbaa irraa haxowaa dhuttu, akkasuma lafa goomole'ee ta nama sodaachittu irraa badiin hin dhutti.2Ani mudhii nama sodaachittu dhagge: Ka nama dabarsee kennu, dabarfamee hin kennama; ka nama saamu hin saamama. Ee loltoota Elaamii, ka'a'a! Ee loltoota Medoonii, qachaa marsa'a! Rakkoo Baabilon fidde mara ani hin hambura.3Ani tana yennaa dhage'e, yennaa dhaggelle, hidhi na citee, akka dubartii ciniinsifattuu te'ee, gad gugguufe.4Gadhaan kiyya raafamee, naasuun na rommisiitte; bariin ani halchu, sodaa guddoo natti teete.5Isaan sagalee qopheessane; itillee afane; nyaatanee unane; dedhuma ajaji, «Isin ajajjooti loltootaa ka'a'a. Wontee teessan zayiti'iin haxowadha'a!» jedhu baye.6Achiin duuba Goottaan anaan, «Dhaqiitii eedduu tokko achi keyi; inni waan dhagge himuu ti.7Inni garreettota fardaa, ka farda lama lamaan harkifamu, worra harre'ee fi gaala irra tee'ee deemu, yennaa dhaggu, hubatee ilaaluu ti» jedhe.8Achiin duuba eeddichi, «Ee Gootta'a, ani guyyuma guyya'aan xelleephoo irra dhaabbadha; halkan guutuulle dammaqee eega» hin jedha.9Kunoo, nami tokko garreettaa fardaa ka farda lamaan harkifamu irra tee'ee dhufiisatti jira. Eeddichi ammalle «Kunoo, Baabilon jidde! Jidde! Fakkiin waaqota dharaa isi'ii marti bututtee lafa harcaate» jedhe.10Ee kolbaa tiyya, isin worri akka midhaan eeddummee keessatti dhowamee teetane, ani waan Waaqa Israa'elii, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade irraa dhage'e isinitti hima.Ergaa Marroo Edoomii
11Ergaan marroo Edoomiitiif dubbatante asii gad jirti: Nami tokko Edoomirraa na waamee, «Eeddicha! Halkan kun yoom bari'inna? Eeddicha! Halkan kun yoom bari'inna?» naan jedhe.12Eeddichille deebisee, «Halkan hin bari'a; ammoo deebi'eelle hin dhiya; waan gaafattu yoo qabaattedeebi'ii koyiitii gaafadhu!» jedhe.Ergaa Marroo Arabaa
13Ergaan marroo biyya Arabaa ta asii gad jirtu: Ee isin daldaltooti Dedaanii, worri daggala Arabaa keessa qubattanu,14worra dheeboteef bisaan kenna'a. Isin worri biyya Teema'aa, worra baqatee dhufeef sagalee kenna'a.15Isaan shallaagaa jalaa, guubee dhifante jalaa fi lola o'e jalaa baqataneeran.16Mootiin Waan Maraa anaan, «Akka nami yenna'aaf qaxaramee hujuu woggaa laakkowatu, ulfinni Qedaarii woggaa tokko keessatti gad hin deebi'a.17Loltooti jajjabi Qedaarii, ta guube'een loltu, worri lubbu'uun hafe diqqaa hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedhe.