Isaayaasii Raagichaa17gax_twf

Ergaa Marroo Damaasqo'oo

1Ergaan marroo Damaasqo'oo ta asii gad jirtu; Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, qachaan Damaasqo'oo haganaa achi qachummaan isaa hafee, tuulaa waan bututee hin te'a.2Qachooti Aro'erii hin onan; addee tika hori'ii hin te'an; nami horii san sodaachisu hin jiru.3Qachaan dalleya dhaka'aa Efreem keessaa, mootummaalle Damaasqoo keessaa hin baddi; worri Sooriyaa keessatti jiru'uun hafe, akkuma Israa'elootaa hin salphatan. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbadheeraa.4«Guyyaa san, ulfinni Israa'elii gad hin deebi'a; gabbinni nafa isi'iille irraa hin dhumata;5akka fichaa midhaan irraa haamamee, akka dhooqa Refaa'iimii ta woxoo keessaa qocataneelle hin te'a.6Akka muka ejersaa ka yennaa hargufanu, qaccee isaa irratti midhaan lama yookiin sad, dameelee isaa irralle'etti midhaan afur yookiin shan hafuu hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedha.7Guyyaa san kolbaan gara ka isaan Dadee hin ilaalti; ila ifiille gara Woyyicha Israa'elii hin deebifatti.8Isaan gara addee ciinca'aa ta harka ifiitiin hujatanee, gara utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi gara addee hixaanaa ta harka ifiitiin hujataneelle hin ilaalanu.9Akkuma qachooti Hiiwotaatii fi Amoorotaa, yennaa Israa'elooti qabatane te'ane, guyyaa san qachooti keessan ka dalleya dhaka'aa qabanulle ona hin te'an; hin diigamanille'e.10Isin Israa'el, Waaqa fayyisaa keessan deetaneertan; rassaa itti baqattanulle hin qaabanne; tanaaf biqiltuu dansa'aa fi biqiltuu biyya ormaa dhaabbatanulle,11guyyuma dhaabbatane san akka guddatanu gootanee, boruyyaa ganama isiniif daraarulle, guyyaa dhukkubi hin fayyine itti bu'u, waan haammattanu hin qabaattanu.12Hoola! Qoonqoon kolbaa heddu'uu akka abbaayaa bulphittuutii ti; qoonqoon gosa biyya adda addaalle akka shookkettii bisaan gudda'aa ti!13Kolbaan hedduun akka bisaan yaa'uu shookkittulle, yennaa Waaqi isaan xixu, akka hicaacee kooba irraa qilleensi bittinneessuu, akka bukuu hobonbolatti'iin bittinnoottuu fagoo hin bittinnowan.14Halkan hin bararaqan; adoo latti hin bari'in hin dhabaman. Worri nu saamu akkasuma hin te'a.