Isaayyaas16gaz_bib
1Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraabulchaa biyyattiitiif,gara tulluu Intala Xiyoonittixobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa.2Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamteeasii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabismalkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu.3“Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa.Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessanakkuma halkanii dukkaneessaa.Baqattootas dhoksaa;kooluu galtoota hin ganinaa.4Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan;balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa.”Cunqursaan ni bada;badiisnis ni hafa;warri nama miidhan lafa irraa badu.5Teessoon jaalalaan hundeeffama;mana Daawit keessaa namni murtii kennuu irrattimurtii qajeelaa barbaadu,kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokkoamanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa.6Nu of tuulummaa Moʼaab,of guddisuu fi kooruu ishee,of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra;of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu.7Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu;isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu.Namoota Qiir Hareeshetiiffaarsanii booʼuudhaan gaddu.8Lafti qotiisaa Heshboon,mukni wayinii Sibimaas coollageera.Bulchitoonni sabootaamukkeen wayinii filatamookanneen duraan Yaʼizeerin gaʼaniigara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru.Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire.9Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana,mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa.Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee,ani imimmaan kootiin sin jiisa!Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii figammachuun yeroo midhaan siifhaamamu ture sun hafeera.10Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru;namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessattihin faarfatu yookaan hin ililchu:sababii ani ilillee balleesseefnamni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru.11Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa;keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa.12Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte,isheen ofuma dadhabsiifti;yoo kadhannaaf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxekunis faayidaa tokko illee hin qabu.13Kun dubbii Waaqayyo duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha.14Waaqayyo garuu amma akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu.”