Isaayyaas15gaz_bib

Raajii Moʼaabiin Mormu

1Raajii waaʼee Moʼaab:Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti;halkanuma tokkottis baddeerti!Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti;halkanuma tokkottis baddeerti!2Diiboon gara mana qulqullummaatti,iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa;Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa.Mataan hundinuu haadamaa dha;areedni hundinuus cicciramaa dha.3Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu;bantii manaatii fi waltajjii sabaa irrattihundi isaanii ni booʼu;imimmaan isaaniis ni dhangalaasu.4Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu;sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame.Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu;lubbuun isaaniis ni romʼite.
5Garaan koo Moʼaabiif iyya;kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti,hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu.Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu;karaa Hooronaayim irrattis,waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu.6Bishaanonni Niimriim goganiiru;margis coollageera;biqiltuuwwan lafaa badaniiru;wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne.7Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sanaLaga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu.8Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame;wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimittifaaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame.9Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru;ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida;warra Moʼaab keessaa baqatankanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga.