Ergaa Marroo Mo'aabii
1Ergaan marroo Mo'aabii ta asii gad jirtu; Qachaan Aarii ka Mo'aab keessaa halkan tokkotti diigamee bade; qachaan Qiirii ka Mo'aab keessaalle halkan tokkotti diigamee bade.2Kolbaan qachaa Diibonii bowiisaaf gara galma ifii gara addee waaqonfanna'aa ol baati. Kolbaan Mo'aabii duudiin marroo qachaa Nebo'ootii fi Medeba'aa guddoo gadditee, mataa ifii haadattee areeda ifii murattee bootti.3Isaan woyaa gaddaa uffatanee karaa irra deeman; heellichoo mana ifii irratti, badhinnalle'etti bowaa imimmaan dhangalaasan.4Kolbaan qachaa Heshibooniitii fi Ele'aale hin iyyiti; qoonqoon iyya isaaniille haga qachaa Yaahasiititti hin dhage'anti; tanaaf loltooti Mo'aabii hin iyyiti; gadhaan isi'iille soda'aan hin raafama.5Gadhaan kiyya qachaa Mo'aabiitiif hin bowa; kolbaan achi keessaa gara qachaa Zo'aariitii fi gara Eglaat-Shelshiiya'aatitti hin baqatti; isaan bowaa gara Luhii ol hin bayan; karaa Horonaayimii irralle'etti marroo badii isaaniitiif gaddaa hin iyyan.6Bisaan Niimriimii hin goga; marrille hin qoora; biqiltuun baddee wonni bisileen tokkolle hin jiraatu.7Tanaaf isaan karra horatanee fi waan wolitti qabatane ba'atanee laga olaati'iitiin gamatti hin buufatan.8Iyyi isaanii haga meessaa Mo'aabiititti hin dhage'anti; wiiccifatiisi isaanii haga qachaa Eglaayimii, gaddi isaaniille haga qachaa Be'er-Eliimii hin dhaqqaba.9Bisaan qachaa Diibonii dhiigaan hin guuta; ani Mootiin Waan Maraa rakkoo ta caaltu qachaa Diiboniititti hin fida; worra qachaa Mo'aabii keessaa baqatee bayuu fi worra achitti miliqee hafe neenqa itti hin erga.