Isaayyaas14gaz_bib
1Waaqayyo Yaaqoobiif garaa ni laafa;inni amma illee Israaʼelin filateebiyya isaanii keessa isaan qubachiisa.Ormoonni isaanitti dabalamu;mana Yaaqoob wajjinis tokko taʼu.2Saboonni isaan fudhatu;iddoo ofii isaaniitti isaan deebisu.Manni Israaʼel immoo akkuma hojjettoota dhiiraa fi dubartiittilafa Waaqayyoo keessatti dhaala godhanii isaan fudhatu.Isaan boojitoota isaanii boojiʼaniiwarra isaan hacuucanis bulchu.3Guyyaa Waaqayyo itti dhiphina, rakkinaa fi hojii hamaa isin itti garboomfamtanii turtan sana jalaa isin boqochiisutti,4akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta:Cunqursichi akkamitti bade!Aariin isaas akkamitti isa irraa gale!5Waaqayyo ulee hamootaatii fibokkuu bulchitootaa,6kan dheekkamsa wal irraa hin cinneetiinuummata rukute;kan gara laafina tokko malee ariʼeesaboota dhaʼe sana caccabseera.7Lafti hundi boqonnaa fi nagaa argatti;faarfachuuttis kaati.8Gaattiraawwanii fi birbirsawwanLibaanoon iyyuu isinitti burraaqanii,“Amma ati kufteerta;namni tokko iyyuu nu muruuf hin dhufu” jedhu.9Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati;isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii,warra addunyaa irratti hooggantootaturanii hunda dammaqsiteerti;isheen warra mootota sabootaa turan hundateessoo isaanii irraa kaafti.10Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu;“Atis akkuma keenya dadhabdeerta;akkuma keenya taateerta.”11Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjinawwaala keessa buufameera;ilmaan raammoo si jala afamaniiraammoon si haguugdi.12Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa,ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte!Ati kan duraan saboota gad qabde,lafatti gad darbatamteerta!13Ati garaa keetti akkana jette;“Ani samiitti olin baʼa;ani urjiiwwan Waaqaatii olittiteessoo koo olin baafadha;ani tulluu wal gaʼii irra,fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa.14Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa;ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.”15Garuu ati siiʼool keessa,boolla qilee keessa buufamteerta.16Warri si argan ija babaasanii si ilaalu;akkana jedhaniis dinqisiifatu:“Kun namichuma lafa sochooseeakka mootummoonni raafaman godhe,17namicha addunyaa kana gammoojjii godhe,kan magaalaawwan ishee gaggaragalcheeakka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?”18Mootonni sabootaa hundi,ulfinaan awwaala isaanii keessa ciciisaniiru.19Ati garuu akkuma damee jibbame tokkootti,awwaala kee keessaa baafamtee gatamteerta;ati warra ajjeefamaniin,warra goraadeen waraanamaniin,warra gara dhagaa boollaatti gad buʼaniin haguugamteerta.Akkuma reeffaa miillaan dhidhiitamteerta;20ati sababii biyya kee balleessiteenamoota kee fixxeef,isaan gidduutti hin awwaalamtu.Maqaan sanyii hamootaalammata hin dhaʼamu.21Sababii cubbuu abbootii isaaniitiifiddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa;isaan biyya dhaaluudhaaf,magaalaawwan isaaniitiinis lafa guutuuf hin kaʼan.22“Ani isaanitti nan kaʼa,”jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.“Ani Baabilon keessaa maqaa isheetii fi hambaa ishee,ilmaan isheetii fi sanyii ishee nan balleessa”jedha Waaqayyo.23“Ani iddoo urunguun keessa jiraattuu filafa caffee ishee nan godha;ani hartuu badiisaatiin ishee nan haxaaʼa”jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.