Isaayaasii Raagichaa13gax_twf

Waaqi Baabilon Hin Adaba

1Ergaan ilmi Amosii Isaayaas marroo Baabiloniitiif dhagge asii gad jirti;2Kooba womaa irratti hin lanne irratti beessisa dhaaba'a! Loltoota iyya'aa waama'aatii, karra qondaaltotaatiin akka seenanu, harkaan itti akeeka'a.3Ani worra injifatiisa kiyyatti gammadu, woyyoota tiyya ajajeera; akka aarii tiyya muummessanu loltoota tiyya waameera.4Hogaa gaara irraa, ka akka kolbaa bindilla'aa caqasa'a! Caanca odduu mootumma'aa, ta akka gosa biyya adda addaa ta wolitti qabantee caqasa'a! Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, lolaaf loltoota ifii wolitti qabatiisatti jira.5Isaan lafa fago'ootii fi qaccee biyya lafaatii hin dhufan; Mootiin Waan Maraa meya mufii ifii kanaan lafa duudii hin balleessa.6Guyyaan Mootii Waan Maraa waan dhikaateef, wiiccifadha'aatii bowa'a; Ka Waan Mara Dande'u biraa badiin hin dhutti.7Tanaaf harki nama maraa hin laashowa; gadhaan nama maraalle akka gaga'aa soda'aan hin sheephisa.8Isaan hin bararaqan; gaargallii fi muddam isaan hin dhaqqaba; akka dubartii ciniinsifattuu hin ciniinsifatan; isaan soda'aan wol ilaalan; fuulli isaaniille akka bobe'a ibiddaa hin diimata.9Kunoo, guyyaan Mootii Waan Maraa gadhi-jabeessa; guyyaan sun lafa onsiisaaf, cubbaalleyyiille lafa irraa balleessiisaaf, mufi'ii fi aarii bobeettuun hin dhufa.10Urjooti ol-gubba'aatii fi tuuti isaanii hin ifanu; aduun bayiisatti jirtulle hin dukkanootti; ji'ille hin ifu.11Mootiin Waan Maraa, «Ani biyya lafaa hammeenna isi'iitiif, worra hamoolee cubbuu isaaniitiif hin adaba; koora worra ifi saaduu hin balleessa; ifi jajiisa worra bondhooruu gad hin qaba.12Nami worqii qullu'uu fi worqii Ofiirii caalaa kaso'otti akka hin dhagganne godha.13Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade guyyaa mufii tiyyaatii fi aarii tiyya ta bobeettuu ol-gubbaa hin raasa; lattille addee ifii irraa akka tachootu hin godha.14«Akka buddannee nami ari'uutii fi akka hoolee tissee hin qannee, nami marti gara kolbaa ifii hin deebi'a; gara lafa ifiille hin baqata.15Ka booji'ame marti hin woraanama; ka qabame marti shallaaga'aan hin ijjeefama.16Daa'immaan isaanii ila isaanii duratti hin hohoocaman; manni isaanii hin saamama; dubartii isaaniille hunnaan woliin hin rafa.17«Kunoo, ani worra Medoonii ka meetii tuffatu, ka worqiille'etti hin gammanne isaanitti hin kakkaasa.18Guubeen isaanii dargaggoota isaanii hin ijjeetti; daa'immaaniif hin mararanu; ijoolle'eefille hin nayanu.19Baabilonii dooqa mootummootaa, ulfinnaa fi koora worra Baabilonii ta teete, ani Mootiin Waan Maraa akkuma Sodoomii fi Gomora'aa hin balleessa.20Dhalootaa haga dhalootaatitti nami achi keessa ijjumaa hin qubatu yookiin hin le'u; nami biyya Arabaa achi keessatti dunkaanii hin dhaabbatu; tissitootille hoolee ifii achi keessa hin tiffattu.21Bineensoti ammoo achi keessa hin ciisan; mandhee isaanii keessa jeedalti hin guutti; urunguulle achi keessa hin leeti; godaalleachi keessa hin burraaqa.22Mana worra jajjabaa keessaa yayyiin hin dutti; mana mootumma'aa ka Baabilonii dadansaa keessaa jeedalti hin iyyiti; yennaan Baabilonii geetteerti; guyyaan isi'iille dhikaateera» jedha.