Isaayyaas12gaz_bib

Faarfannaa Galataa

1Ati gaafas akkana jetta:“Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte;aariin kees narraa deebiʼeera;na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.2Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti;ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,jabinaa fi faarfannaa koo ti;inni fayyina koo taʼeera.”3Isin burqaa fayyinaa keessaagammachuudhaan bishaan waraabbattu.4Isin bara sana keessa akkana jettu:“Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.5Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa;wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.6Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼelisin gidduutti guddaadhaatiisagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”