Isaayaasii Raagichaa12gax_twf

Faaruu Leellisaa

1Guyyaa san ati,«Ee, Mootii Waan Maraa,ati natti mufatteertaayyu;amma mufii teeti na irraa deebittee,waan na jajjabeessiteef si leellifadha!2Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya;ani isatti hin addadha;womaalle hin sodaadhu.Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya;inni fayyisaa kiyya naaf te'eera.3Isin gammadaan madda fayyinnaa keessaabisaan hin woraabbattan» hin jetta.4Yennaa san isin,«Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;maqaa isaalle waammadha'a!Gosa biyya adda addaa keessattihujii isaa beessisa'a;guddinna maqaa isaalle lallaba'a.5Inni waan guddoo waan godheeffaaru'uun isa leellisa'a;waan inni godhellebiyya lafaa mara irratti beessisa'a.6Ee kolbaa Xiyoonii,Waaqi guddaan woyyichi Israa'elii,odduu teessan waan jiruuf,ilillisaa gammadaan faarsa'a» hin jettan.