Isaayaasii Raagichaa11gax_twf

Mootummaa Nageyaa

1Akkuma jirmi quunxee damee baasu,sanyii Iseyii keessaa mootiin haarenni hin ka'a.2Ayyaanni Mootii Waan MaraaAyyaanni qarumma'aatii fi hubanti'iiAyyaanni gorsaatii fi hunnaaAyyaanni beekkumsaatii fiMootii Waan Maraa sodaatiisaaisa irratti hin bu'a.3Inni Mootii Waan Maraa sodaatiisaanhin gammada.Akkuma ilaan dhagge hin muru;yookiin akkuma gurraan dhage'e hin murteessu;4worra hiyyeeyyi'iif ammoobalchumma'aan hin mura;worra deega'aaf haqaan hin mura;dubbii afaan isaa keessaa baatuta akka ule'eetiin biyya lafaa hin dhowa;hafuura afaan isaa keessaa bayulle'eenworra hamoolee hin ijjeesa.5Balchumma'aa fi addatamummaanakka hiituu hidha isaa ti.
6Yayyiin ilmayyoo hoole'ee woliin hin leeti;qeeransi ilmayyoo re'e'ee woliin hin ciisa.Jabbiin, ilmoolee neenqaatii fikorommii dardarri woliin hin tikatan;mucaan diqqaalle isaan hin tissa.7Loonii fi doobbaan woliin hin tikatan;jabbi'ii fi ilmooleen doobba'aa woliin hin ciisan;neenqille akka qotiyyo'oo hicaacee hin nyaata.8Mucaan harma hodhuboolla dhudhuufa'aa bira hin taphata;mucaan harma irraa gu'elleboolla buuti'ii keessa harka hin keya.9Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu,latti beekkumsa Mootii Waan Maraatiinwaan guutantuuf,waan gaara woyyicha kiyya irra le'umiidhaan yookiin badiin hin dhaqqaddu.

Kolbaan Booji'ante Hin Deebiti

10Guyyaa san sanyiin Iseyii akka beessisaa kolba'aaf hin dhaabbatti; gosi biyya adda addaa isa hin barbaaddi; addeen inni le'ulle ulfinna hin qabaatti.11Guyyaa san Goottaan yennaa lammeesso'oo harka ifii diriirsee, kolbaa ifii ta biyya Asooriititti, biyya Gibxi'iititti, biyya Faaxrosiititti, biyya Itoophiya'aatitti, biyya Elaamiititti, biyya Shiinaariititti, biyya Haamaatiititti, lafa abbaayaa qarqaraatitti baraaree hafane gara biyya isaanii hin deebisa.12Inni gosa biyya adda addaatiif beessisa hin dhaaba; worra Israa'el keessaa ari'amee baye, worra Yihudaa keessaa bittinnowelle maddii afuriinuu wolitti hin qaba.13Hinaaffaan Efreemii hin baddi; diinni Yihuda'aalle hin dhumata; Efreem Yihudaa hin hinaafu; Yihudaalle Efreem hin jibbu.14Isaan lamaanuu wolii galanee gara aduun seentuun Filisxeemota irratti hin ka'an; worra gara aduun baatu le'ulle hin saaman; kolbaa Edoomiitii fi Mo'aabii harkatti hin galfatan; worri Amooniille isaaniif hin ajajaman.15Mootiin Waan Maraa abbaayaa diintuu Gibxi'ii ijjumaa hin gossa; inni harka ifii laga Efraaxiisii irratti ol kaasee, qilleensa gubuun dhowee, laga didiqqaa torbatti gargar hin qooda; nami kophe'een keessa deemee, gamatti bu'uu hin dande'a.16Akkuma kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate karaan qopheeffameef, kolbaa isaa worra baraaree hafeefille, Asoorii keessaa bayiisaaf karaan guddaan hin qopheeffama.