Isaayyaas10gaz_bib
1Warra seera jalʼaa baasan,kanneen labsii cunqursaa labsaniif wayyoo;2isaan murtii rakkattootaa jalʼisu;mirga hiyyeeyyii saba koos ni dhiibu;haadhota hiyyeessaa boojuu godhatu;ijoollee abbaa hin qabnes ni saamu.3Isin yeroo badiisni fagoodhaa dhufuguyyaa adabbiitti maal gootu?Gargaarsa argachuuf eenyutti baqattu?Qabeenya keessan eessatti dhiiftu?4Warra boojiʼaman jala gugguufuuyookaan warra ajjeefaman jalatti kufuu malee homtuu hin hafu.Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.