Hose'aa Raagichaa9gax_twf

Adabbii Israa'el Dhaqqaddu

1Ee Israa'el, ati Waaqa keeti irratti akka sagaagaltu'uu teeteerta; addee eeddumme'ee maratti gatii sagaagaltootaa waan jaalatteef, hin firinxiixin; akka gosi biyya adda addaa ilillittu hin ilillisin.2Eeddummee keessatti midhaan, addee woynii itti cunfanu keessalle'etti woyniin hin dhaggantu; daadhiin woyni'ii haarettille hin jiraattu.3Isaan lafa Mootii Waan Maraa keessa hin turanu; kolbaan Efreemii gara biyya Gibxi'ii hin deebiti; biyya Asoorii keessalle'etti sagalee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in hin nyaatti.4Isaan dhibaayyuu daadhii woyni'ii Mootii Waan Maraatiif hin dhibaasanu; ciincaan isaanii isa hin gammachiittu; ciincaan akkasii sun isaaniif akka sagalee haqaqo'oo ti; ka sagalee san nyaatu marti batticha hin te'a; sagaleen tun isaanuma qofaaf hin teeti; Galma Waaqaa keessatti ciincaa te'iisa hin dandeettu.5Guyyaa jila teessan ta beekkantee irratti, guyyaa jila Mootii Waan Maraa irratti, maan godhu'uu jirtan ree?6Isaan badii jalaa bayanelle, Gibxi isaan wolitti hin qaddi; qachaa Memfiisiititti hin awwaalaman. Qabeenna isaanii ka meeti'ii raaqi irra hin dacha'a; dunkaanii isaaniille qoreettiin irra hin yaati.7Guyyaan adabbi'ii dhufeera; guyyaan mura'aa dhikaateera; Israa'el tana beettuu ti. Cubbuun teessan bacaa, yakkaan teessanille guddoo waan teeteef, raagichi akka gowwa'aa, nami ayyaana Waaqaatiin guutame akka maraata'aa laakkowameera.8Raagichi, Waaqa kiyya woliin nama kolbaa Efreemii eegu; te'uu malee karaa isaa mara irratti tiyyoon, mana Waaqa isaa keessalle'etti diinummaan isa eeddi.9Akkuma bara qachaa Giibe'aatitti te'e, isaan battummaa keessa lixane; Waaqi hammeenna isaanii hin qaabata; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba.

Sababa Cubbu'uutiif Waan Israa'elitti Dhufe

10Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa Israa'el dhagge, akka nama goomolee keessatti unkuruura woyni'ii dhaggee ti; ani yennaa abbootii teessan dhagge, akka nama midhaan qaraa muka harru'uu irratti dhaggee ti. Isaan ammoo yennaa gara Ba'aal Phe'orii dhufane, waaqa dharaa fokkisiisaa saniif adda ifi baasane; akkuma waaqa dharaa ka jaalatanuu san battoolee te'ane.11Ulfinni Efreemii akka sinbirre'ee ka'ee hin bada; deyiis, ulfoyiis, gadha'atti hafiishin jiraattu.12Isaan yoo ijoollee guddifatanelle, ijoolleen isaanii tokkolle adoo hin hafin hin dhumatan. Yennaa ani isaan biraa deeme isaaniif aanne'e!13Ani kolbaa Efreemii akka qachaa Xiiroosii addee dansaa jiranuun dhagge. Amma ammoo kolbaan Efreemii ijoollee ifii worra qaluuf dhikeessite» jedha.14Ee Mootii Waan Maraa, isaaniif kenni! Ati maan isaaniif kennita? Gadaamessa ulfi irraa bayuu fi harma gogaa isaaniif kenni.

Israa'el Irratti Muraa Mootii Waan Maraa

15Mootiin Waan Maraa, «Sababa hammeenna isaanii ka Giilgal keessaatiif, ani achitti isaan jibbe; sababa hujii cubbittii isaaniitiif, ani mana kiyya keessaa oofee isaan hin baasa. Ani haganaa achi isaan hin jaaladhu; sooressitooti isaanii marti finqiltoota.16Kolbaan Efreemii dhowante; hiddi isaanii goge; isaan midhaanille hin buusanu. Isaan yoo ijoollee uumatanelle, ani ijoollee isaan jaalatanu isaan duraa hin ijjeesa» jedha.

Raagichi Marroo Israa'elii Dubbata

17Waan isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqi kiyya isaan hin gata. Isaan gosa biyya adda addaa odduu worra daaqu hin te'an.