Muraa Israa'elitti Murantu
1«Isin hayyoota, tana dhage'a'a! Isin Israa'eloota hubadha'a! Ee, maatii moototaa caqasa'a! Muraan tun isin irratti muranti; isin Miispha'atti tiyyoo, gaara Taaborii irralle'etti caccoo afante teetaneertan.2Worri finqilaan ijjeecha'atti jabaataneeran. Ani isaan mara hin adaba.3Ani marroo Efreemotaa hin beeka; Israa'el na duraa dhokattee hin jirtu. Efreem, ati amma gara sagaagalaa deebiteerta; Israa'el battootteerti.4«Hujiin isaanii gara Waaqaa akka deebi'anu isaan hin gootu. Sagaagalummaan yaada isaanii keessa jirti; isaan Mootii Waan Maraa hin beekanu.5Koorri Israa'elii isaanuma irratti dhugaa baya; Israa'elii fi Efreem cubbuu ifiitiin gufatan; Yihudaalle isaanuma woliin gufata.6Isaan hoole'ee fi re'ee, loon ifiille fudhatanee Mootii Waan Maraa hin barbaadan; garuu inni isaan irraa waan adda bayeef, isaan isa hin dhagganu.7Isaan Mootii Waan Maraatiif waan hin addataminiif, ijoollee ormaaf uumaneeran; tanaaf amma jilti baatii ji'aa ta isaanii, isaanii fi fichaa isaanii hin balleessiti.Yihuda'aa fi Israa'el Wol Lolan
8«Giibe'aa keessatti tultullaa, Raamaa keessatti suusullee afuufa'a. Bet-Aween keessatti iyya lolaa kaasa'a. ‹Ee, kolbaa Beniyaaminii, isinitti dhufane› jedha'a9Guyyaa adabbi'ii Efreem duwwaa hin teeti; ani gosa Israa'elii oddu'utti dhugumaan waan te'uuf jiru lassiisatti jira.10«Sooreyyiin Yihuda'aa akka worra meessaa dhiibuu te'aneeran; ani mufii tiyya akka lolaa bisaanii isaan irratti hin dhangalaasa.11Efreem waaqota dharaa hordofiisa yaada waan qabuuf, cunqurfamee, muraan isatti dhutte.12Ani Efreemiif akka qu'e'ee, kolbaa Yihuda'aatiif akka shanto'oo hin te'a.13«Efreem dhibee ifii, Yihudaan madaa ifii yennaa dhagge, achiin duuba Efreem gara biyya Asoorii deebi'ee, qarqaarsa dhaggatiisaaf mootii guddichatti ergate; inni ammoo dhibee isaanii fayyisuu, madaa isaaniille irraa balleessuu hin dandeenne.14Ani Efreemitti akka neenqaa, Yihudaalle'etti akka neenqa dardaraa hin te'a. Ani tatarsaasee kukkutee isaan biraa hin deema; fuudheelle hin deema; ka isaan baasu hin jiru.15«Haga isaan yakkaa ifii beekanutti, ani gara addee tiyyaa hin deebi'a. Isaanille fuula kiyya hin barbaadan; isaan rakkinna ifii keessa akka malee na hin barbaadan» jedhe.