Israa'el Himatante
1Ee kolbaa Israa'elii, Mootiin Waan Maraa isin worra lafa tana keessa leetanu woliin dubbii waan qabuuf, jecha isaa dhage'a'a: «Addatamummaan hin jirtu; jaalalli bara baraa hin jiru; ana Waaqa beekuun lafa teessan keessa hin jirtu.2Abaarsa, dhara, ijjeechaa, hannaa fi gaarayyeeffata qofatti achi jira; wolii galtee mara diigan; dhiiga dhangalaasiis isaanii bacateera.3Sababa kanaaf, oolaan lafatti bu'a; wonni isii irra le'u marti hin du'an; bineensotii fi sinbirrooti, qurxummiin abbaaya'aalle hin dhumatan.Hayyooti Himatamane
4«Kolbaan teeti akkuma worra hayyoota himatuu san waan teeteef, nami dubbii hin kaasin; nami nama dhibii himatu hin jiraatin.5Isin halkanii fi guyyaa gufattan; raagotille isin woliin gufatan. Tanaaf, ani biyya teessan Israa'el hin balleessa.6Kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan baddeerti; isin beekkumsa waan jibbitaneef, anille akka isin hayyoota naaf hin teene isin jibbe; isin seera ana Waaqa keessanii waan deetaneef, anille ijoollee teessan hin dedha.7«Akkuma hayyooti bacatte, cubbuun isaan na irratti hujanulle bacatte; ani ulfinnaisaanii salphinnatti hin jijjiira.8Isaan kennansa kolbaan tiyya sababa cubbu'uutiif kennitu nyaatan; akka kolbaan yakkaa baceessitee hujju fedhan.9Hayyootille akkuma kolba'aa ti; ani isaan lachuu hin adaba; hujii isaaniitiif gatii isaaniif hin kaffala.10Isaan hin nyaatan, ammoo hin quufanu; hin sagaagalan, ammoo hin horanu; isaan ana Mootii Waan Maraa lakkisanee,11sagaagalaaf, daadhii woyni'ii ta baatee fi ta hin bayin, ta hubantii kolbaa tiyya irraa fudhatteef ifi kennane.12Kolbaan tiyya waaqota muka irraa hujame irraa gorsa gaafatti. Uleen mukaa deebii isaaniif kenniti. Ayyaanni sagaagalaa karaa irraa isaan gorsa; isaan Waaqa ifiitiif hin addatamanu.13Isaan qaccee gaarotaa irratti ciincaa ciincessan; koobota irratti, qilxaa jalatti, muka dafee guddatuu fi daandii jalatti, gaaddisi isaanii waan toluuf, kennansa gubamu dhikeessan. «Tanaaf, ijoolleen durraa teessan sagaagalti; niitoti ilmaan teessaniille gaarayyeeffatti.14Ijoolleen durraa teessan yennaa sagaagaltu, niitoti ilmaan teessaniille yennaa gaarayyeeffattu, ani isaan hin adabu; sababille, dhiirtinuu sagaagaltoota gula deemaa, galma waaqota dharaatitti woliin ciincaa dhikeessan; kolbaan hubantii hin qanne hin baddi.15«Ee, Israa'el, ati gaarayyeeffattulle, Yihudaan akka keeti hin te'in. Giilgal hin dhaqina'a; gara Bet-Aweeniiol hin bayina'a. ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettaneelle hin kakatina'a.16Kolbaan Israa'elii akka goronsa jallichaa teeteerti. Mootiin Waan Maraa akka hoolota diida dansaa keessaa attam isaan tissa ree?17Kolbaan Israa'elii waaqota dharaatiin wolitti hidhanteerti. Itti lakkisa'a.18Yennaa untoo ifii fixatanulle, sagaagala ifiititti ka'an; bulchitooti isaanii salphinna kana guddoo jaalatan.19Hobonbolattiin haxoottee isaan fudhattee hin ideenti; ciincaan isaanii salphinna isaanitti hin fida.