Hooseʼaa
14
/
gaz_bib
Eebba Argachuudhaaf Qalbii Jijjiirrachuu
1
Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi.
Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!
2
Dubbicha fudhadhuutii
gara Waaqayyoo deebiʼi.
Akkanas jedhiin:
“Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi;
akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf,
arjummaadhaan nu simadhu.
3
Asoor nu oolchuu hin dandaʼu;
nu fardeen lolaa hin yaabbannu.
Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen,
‘Waaqota keenya’ hin jennu;
daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”
4
“Ani gantummaa isaanii nan fayyisa,
toluman isaan jaalladha;
aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.
5
Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa;
inni akkuma daraaraa ni daraara.
Inni akkuma gaattiraa Libaanoon
hidda isaa gad fageeffata;
6
dameen isaa ni guddata.
Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa;
urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.
7
Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu.
Inni akkuma midhaanii lalisa.
Akkuma muka wayinii dagaaga;
maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.
8
Yaa Efreem, ani kana caalaawaaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba?
Kan deebii siif kennee si eegu anuma.
Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti;
amanamummaan kee ana irraa dhufa.”
9
Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka.
Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata.
Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha;
namni qajeelaan isa irra deema;
finciltoonni garuu isa irratti gufatu.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter