Hooseʼaa13gaz_bib

Waaqayyo Israaʼelitti Dheekkame

1Yeroo Efreem dubbatetti namoonni ni hollatan;inni Israaʼel keessatti ol ol jedhee ture.Garuu yakka Baʼaalin waaqeffachuutiin duʼe.2Isaan ammas itti deddeebiʼanii cubbuu hojjetu;meetii ofii isaaniitiin waaqa tolfamaa tolfatu;fakkii mimmiidhagaa kanneen hundi isaaniiharka ogeeyyiitiin hojjetaman.Waaʼee saba kanaas,“Isaan nama qalanii aarsaa dhiʼeessu;waaqa tolfamaa jabbiis ni dhungatu!” jedhame.3Kanaafuu isaan akkuma hurrii ganamaa,akkuma fixeensa barii baduu, akkuma habaqiioobdii midhaan itti dhaʼan irraa kaʼuuakkuma aara foddaadhaan baʼuu ni taʼu.
4“Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabeeWaaqayyo Waaqa kee ti.Ati ana malee Waaqa tokko illee beekuu hin qabdu;ana malee fayyisaa tokko illee hin qabdu.5Ani gammoojjii keessatti,biyya hoʼa gubaa keessatti si kunuunseera.6Yeroo ani isaan sooretti ni quufan;isaan yeroo quufanitti of tuulan;ergasii immoo na irraanfatan.7Kanaafuu ani akkuma leencaa isaanitti nan taʼa;akkuma qeerransaa riphee daandii irratti isaan nan eeggadha.8Ani akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamaniittiisaan lolee garaa isaanii nan baqaqsa.Ani akkuma leencaatti qorqee isaan nan nyaadha;bineensi bosonaa gargar isaan ciccira.
9“Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa keemormiteef ati baddeerta.10Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira?Bulchitoonni kee warri magaalaa kee hunda keessaakanneen ati, ‘Mootii fi ilmaan moototaa naaf kenni’jettee kadhatte sun eessa jiru?11Ani aarii kootiin mootii siifan kenne;dheekkamsa kootiin immoo isa sirraa nan fudhadhe.12Balleessaan Efreem walitti kuufameecubbuun isaas galmeeffameera.13Miixuun akkuma dubartii ciniinsuun qabatteetti isatti dhufa;inni garuu daaʼima wallaalaa dha;inni yommuu yeroon gaʼutti,gadameessa keessaa baʼuu hin fedhu.
14“Ani saba kana humna awwaalaa jalaa nan baraara;duʼa jalaa isaan nan baasa.Yaa duʼa, dhaʼichi kee meerre?Yaa awwaala, balleessuun kee meerre?“Ani gara laafina tokko illee hin qabaadhu;15Yoo inni obboloota ofii gidduu jireenya tolaa jiraate iyyuu,bubbeen baʼaa Waaqayyo biraa ni dhufa;lafa gammoojjii keessaa ni bubbisa;burqaan isaa bishaan dhaba;boolli bishaan isaas ni goga.Mankuusni isaa,qabeenyi inni qabu hundis ni saamama.16Sabni Samaariyaa waan Waaqa isaatti fincileefgatii balleessaa isaa ni argata.Isaan goraadeedhaan dhumu;daaʼimman isaanii lafatti harcaafamu;dubartoonni isaanii kanneenulfa qabanis ni baqaqfamu.”