Muraa Muummee Irratti Israa'elitti Murantu
1Yennaa kolbaan Efreemii dubbatte, namooti hollatane; isaan Israa'el keessatti saadamane. Ammoo isaan waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan cubbuu hujanee du'ane.2Ammalle isaan waaqota dharaa ka nami hujii beeku qarumma'aan huju, meetii ifii irraa hujiisaan ittuma ede'anee cubbuu hujan; waaqoti dharaa sun martinuu hujii nama hujii harkaa beekuu ti. Isaan, «Waaqota dharaa kanaaf ciincaa dhikeessa'a» jedhan. Namooti waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana sunqatan.3Tanaaf, isaan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa bari'iin dafee bu'uu ti; akka hicaacee eeddummee keessaa qilleensi fudhatuu, akka aara karaa fodda'aatiin bayuu hin te'an.4Mootiin Waan Maraa, «Ani ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; isin ana malee Waaqa dhibii hin beettanu; ana malee fayyisaan hin jiru.5Ani goomolee keessatti, lafa o'a bobe'a keessatti isin eege.6Ani yennaa isaan areere, isaan quufane; isaan yennaa quufane, kooranee na dedhane.7Ani akka neenqaa isaanitti hin dhufa; akka qeeransaa karaa cina'atti isaan hin gaada.8Akka doobbaa ilmoolee jalaa fudhatanee, ani isaan hin dhowa; qoma isaanii cassee bana. Ani akka neenqaa isaan hin nyaadha; bineensi isaan hin bibixxila.9«Ee kolbaa Israa'elii, qarqaaraa keessan ka te'e, na irratti waan kaataneef, hin baddan.10Isin, ‹Mooti'ii fi qondaaltota nuuf kenni› jettaneertan; akka isin baasuuf, mootiin keessan meet ree? Qachoota keessan mara keessa bulchitooti teessan meet ree?11Maarre ani aarii tiyyaan mootii isiniif kennee, mufii tiyyaan achii isa balleesse.12«Yakkaan Efreemii kuufanteerti; cubbuun isaa galmeeffanteerti.13Akka dubartii deettuu ciniinsuun itti dhutti; inni ammoo mucaa qaro'oo moti. Guyyaan inni dhalatu yennaa gewu, gadaamessa keessaa hin baane.14Ani hunna addee worri du'e jiruu jalaa isaan hin baasuu ree? Du'a jalalle'ee isaan hin woduu ree? Ee du'a! Balaan keeti meet ree? Ee addee worri du'e jiru! Badiin teeti ta ati fiddu meet ree? Ani haganaa achi kolbaa tana hin mararu.15Efreem obboleeyyan ifii oddu'utti midhaan yoo baaselle, qilleensi karaa aduun baatuu, Mootii Waan Maraa biraa, goomolee keessaa ka'ee hin dhufa; maddi hin maddu; baleessi hin goga; wonni gatii qabu marti mana kuusa'aa keessaa hin saamanti.16Kolbaan Samaariya'aa Waaqa ifii irratti waan kaateef, yakkaa ifiitiif adabamuu qaddi; isaan shallaaga'aan hin du'an; daa'immaan isaanii lafatti dhowanee hin macalaasan; dubartoota isaanii ta ulfaalle gadhaa isaanii hin baqassan» jedha.