Hooseʼaa12gaz_bib

1Efreem bubbee nyaata;inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga;sobaa fi gooliis ni baayʼisa.Inni Asoor wajjin walii galtee godhateebiyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.2Waaqayyo waan Yihuudaa himatu qaba;inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba;akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.3Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe;erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe.4Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate;booʼees surraa kadhate.Inni Beetʼeelitti isa argateeachitti isa wajjin haasaʼe.5Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu,maqaan isaa Waaqayyo!6Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi;jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessiiyeroo hunda Waaqa kee eeggadhu.
7Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabunama gowwoomsuu jaallata.8Efreem akkana jedhee boona;“Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera.Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuuballeessaa yookaan cubbuu tokko illeenarratti argachuu hin dandaʼan.”
9“Ani Waaqayyo Waaqa keekan biyya Gibxii si baasee dha;ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota keekanneen murteeffaman sanaattideebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.10Ani raajotatti dubbadheemulʼata hedduu kenneefiikaraa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.”
11Giliʼaad hamaadhaa?Sabni ishee faayidaa hin qabu!Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu?Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaakan qotame irra jiruu ni taʼa.12Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate;Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile;gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.13Waaqayyo biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuufraajiitti fayyadame;inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse.14Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase;Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sanaisumatti deebisa;arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.